Yesuus Laa’odiiqeyaa in Jaallata
Dubbisi
Waldoota ja’an Kitaaba Mul’ataa keessa jiranitti dubbii dubbate keessatti Yesuus raggaasisaa fi galata isaa ibsa, akkasumas maal sirreessuu akka qabu agarsiisa. Ergaa isaa Waldaa isaa yeroo dhumaa keessatti waan raggaasisuu malu tokkollee hin argu. Haata'u malee, Gooftaan rakkoo waldaa ifatti mul’isa, akkasumas furmaata kenna, haala kana sirreessuuf immoo karaa murtaa'een gorsa.
Ifa, beekumsa, barnoota, guddina diinagdee fi teeknik irraa hafaa keessatti hafuuraan fooyya'uu dhabuun keenya dinqisiisaa dha. Faallaa kanaatiin bu'uura Waaqayyoon gammachiisu kana dhabneerra. Dhugaadhumatti, haalli akkasii jireenyi hafuuraa waldaa Kiristos gad bu’uu isaa fakkii waliigalaa uumaa. Garuu dhuunfaadhaan waa’ee ijoollee Waaqayyoo yoo dubbanne, Yesuus yeroo hundumaa namoota dhugaa hordofanii ifa argatan keessatti amanamaan qaba. Haata'u malee, haala Laa’odiiqeyaa isa gadadamaa kana keessatti illee, Dhugaa-baatuun Amanamaan jaalala isheef qabu dubbata. Warra jaallatu akka ifatuu fi akka adabu dubbata. Kana malees, Yesuus akka badhaasa abboomamuutti waadaa duraan dhaga’amee hin beekne saba isaatiif kenna. Haala bu’aa’ummaa isaanii keessaa amantoonni akka ba’an gargaaruuf, Gooftaan akka dhuunfaatti dhufa. Namni deebii kennu hundumtuu dhugaadhaan jiraachuu baruu akka danda'uuf araarsaa malee quunnamtii godha. Haala isaan keessatti kufan keessaa isaan baasuudhaan warra qodaa isaa ta’anii filataman halkanii fi guyyaa isaan tajaajiluuf qophaa’uf jaalalli Kiristoos saba isaatiif qabu irraa hafaadha.
Garuu rakkoon Laa’odiiqeyaa - of tuulummaa fi jaamummaa hafuuraa, isa akka Waaqayyo ijoollee isaa keessatti guutummaatti humna isaa mul'isuu hin heyyamneedha. Waaqayyo mataa isaa akka barsiisaatti, akka hiriyaa fi gorsaatti dhiyeessuudhaan ilaalcha dhugaaf qaban irra deebi’anii akka ilaalan gorsuudhaan guddinaa fi dagaagina hafuuraaf carraa haaraa isaaniif bana. Inni dafee akka dhufuu waadaa hin galu. Inni dhufee dhaabbataa jira.
Nuyi Yesuusiif hammam gati qaboota! Waa’ee haala keenya isa dhugaatiif yaaddoo qabu gara laafina attamiitiin ibsa! Fayyinna keenyaaf murtee dinqisiisaa akkamii godhe! Yesus eebba samii attamii nuuf qopheesse!
Gooftaan Warqee ibiddaan qullaa'e nuuf dhiyeessuudhaan qabeenya samii kana qabaannee arguu barbaada. Warqeen isaa kilo graama meeqa ulfaata? Akka yaada kootti maallaqni addunyaa hundinuu bituuf gahaa hin ta’u. Garuu lubbuun dheebottu qabeenya kana daangaa malee argatti. Warqeen samii qabeenya samii keessaa isa gatii jabeessa. Inni allaqa uumama samii hunda gidduu naanna’uudha. Dhumarratti cubbamtoota amananii guddina isaanii keessa dhaabbataniif qabeenya ta'a.
Jaalalli fi amantiin ijoollee Waaqayyoo yeroo hundumaa Waaqa isa Ol'aanaa biratti fudhatama argataa ture. Inni hariiroo dhi’eenyaa warra fayyanii fi Gooftaa gidduu jiru utuu wal irraa hin kutin dhugaa ba’a. Kennaan kun Bara hundumaa jabaatee guddataa ture. Garuu yeroo dhumaa keessa sababa seera maleessummaan baay'achaa adeemeef Namoota baay'ee keessatti jaalalli in qabbanaa’e. Inni raawwatee hin badne, maqaa isaas hin dhabne, garuu humna sochoosu ta'uu dhiisee qorraa fi kan shallagamu ta'e. Bakka isaa sodaa, dirqamaa fi yakkatu dhufe. Ani yaada akkasiitiin qajeelfameen Waaqayyoon tajaajiluu fi gammachiisuu yaala. Yeroon milkaa'u, sooressaa fi hafuuratti kanan guddadhe godheen of ilaala, ija koo duratti qajeelummaan koo daangaa dabra. Yoo hiriyoonni akkasii na marsanii jiraatan, nu waliif humna. Milkaa'insa murta’aa ittiin of jajuu dandeenyu qabna. Maqaa isaatiif jedhee akkasumas jaalala nuuf qabuuf jedhee waaqayyo eegumsaa fi bu’aa dhaamaasuu keenyaa tokko tokko nuuf kennuudhaan carraaqqii nuyi fayyina argachuuf goonu in eebbisa. Garuu gadda akkamiitiin nu ilaala. Galaana jaalala Waaqayyoo utuun qabuun daabboo gogaa huccuu bareeddaatti marameenaan quufa.
Garuu eebba Waaqayyoo fudhachuuf, amantii jiraataa, kan koo ta'ee fi ani fudhadhu na barbaachisa.
Yesuus Luq 18:8 irratti "... Garuu Ilmi Namaa, yeroo dhufu, amantii lafa irratti argata laataa?" jedhee bartoota isaa gaafate. Akka isa irraa bitannuuf amantii kana nuuf dhiyeessa. Innis amantii fi jaalala dhugaadhumatti nu sooromsuudha. Amalli Waaqayyoo onnee koo keessatti kan inni mul’atuu fi iddootti deebi’u karaa isaaniitiini. Gooftaan jireenya koo keessatti amaloota kanaa hojiirra oolchuu na barsiisa, anis dhiibbaa Hafuura Qulqulluu isa yeroo koo keessatti karoora fayyinaa Waaqayyoo isa gad fagoo fi miidhagaa natti mul’isu jalan gala.
Jaalalli Agaapee inni kan Waaqayyoo amma qabeenya kooti, wantootaa fi gowwoomsa addunyaa kana keessatti ani nama dhugaatti sooromee qabeenya samiitti daangaa malee dhiyaachuu danda'un ta'a. Jaalala kana hubachuuf, jaalala kanaa fi Isa itti fayyadama isaa na barsiisu na barbaachisa.
Garuu Karoori Yesuus eebba samii kan naaf kennuu qofa utuu hin taane, itti fayyadama isaa na barsiisuudha.
Bittaa fi gurgurtaan kun hatattamaan hin ta'u. Gad fageenyaan keessa koo kanan dhokfadhe waan baay’eetu jira, Gooftaanis adeemsa qulqulleessuu kootii jalqaba. Hatattamaan ta'uu danda'a, turuu illee in danda'a. Hundumtuu fedhii guddachuu kootii fi amantii koo irratti hundaa'a. Gooftaan xuraa'ummaa fi dadhabina na keessa jiru mul'isuudhaan, maal akkan itti hojjedhu na gaafata. Hinnaaffaadhaan qalbii akkan jijjiiradhuuf na gaafatee ture, garuu yeroo hundumaa murtii koo eega. Jaalala guutuu fi bilisummaa koof kabaja guutuu. Akkam nama gammachiisa! Yoon cubbuu fi hojii foonii filadhe immoo kallattii sana irran guddadha.
Ayyaanni qabeenya namatti tolu tokko qaba. Innis akka seera muka jireenya fi muka gaarii fi hamaa beeksisuu fakkaata. Yoon qajeelfama Waaqayyoof amanamaa ta'e, firii eebbaa nyaachuu nan danda'a, eenyulleen na hin dhoowwu. Muka jireenyatti daangaa malee dhiyaachuu nan danda'a, garuu muka biraa kan eegu hin jiru. Garuu yoon muka dhoowwame sana irraa nyaadhe, yeruma sana muka jireenya irraan of dhoowwa. Eegduun isa biratti argamee firii isaa irraa na dhowwa.
Garuu Yesuus cubbuu kootiif lubbuu isaa kennee, madda jireenya kennutti karaa banuudhaan akkas na jaallate. Gooftaan warra amma dheebotanii fi barbaadan hundaaf dhiifama gochuu fi dheebuu baasuuf qophii dha. Kan dheebote haa dhufu, haa dhugus.
Yesuus gara laafina attamiitiin deegaa, gadadamaa, qullaa, jaamaa jedhee maqaa koo waama, Akkasitti na hin dhiisu, rakkoo kootiif furmaata samii naaf kenna. Kunis furmaata sirrii fi filatamaadha.
Inni waan gatii qabeessa fi qaallii samiin qabu hundumaa, waan sirrii ta'e hundumaa, waan gaarii ta'e hundumaa naaf kennuuf qopha‘aadha. Kennaa kana fudhachuu kootiin waan gadhee fi guutuu hin taanetu naaf kenname, inni wayyu duubatti hafe jedhee hin gaddu. Jaalalli miidhagaan ani amma haala lola qabu keessatti hubadhu, bara Baraan akkasuma dinqisiisaa ta'a. Warra kun isaaniif hin malle, warra na jibban, warra na ajjeessuu barbaadan jaallachuu Mana barumsaa Kiristoos keessattan bare. Namoonni akkasii jireenya barabaraakeessa hin jiran. Yunversii guutummaatti waa’ee gadi fageenyaa jaalala waaqayyoo dhugaa ba’uu fi kennaa isaatiif Yesusiin ol kaasuuf muuxannoon koo inni lafaa na waliin jiraata. Hiriyummaan Yesuus inni asitti haala wal xaxaa hin mul’anne keessatti amantiidhaan jalqabe jaalala banamaa fi carraa banamaa keessatti guddachuuf gara samii geeffama.
Ani amma humna jaalalaa fudhachuu, amanuu, beeku baraan jira, gadi fageenyaa fi midhagina isaa hubachaa, injifannoo isaa shaakalaan jira. Yesuus mataan isaa na qajeelcha, na sirreessas.
Baroota giddu galeessaa keessa ijoollee Waaqayyootiif jaalalli akkamitti akka kenname yoon beekuu baadhe illee, yeroo keenya keessatti humna akkamii akka qabu nan arga. Kun jalqabbii argannoo guddaa qofa utuu hin taane hojii jaalala jireenya koo keessatti cubbuutti xumura godhuu fi karaa caalun araara malee isa balleessu ta’uu isaan hubadhe.
Boqonnaa Kanaaf Gaaffilee Irratti Yaadamu
1. Boqonnaa kana keessatti maaltu isinitti mul'ate?
2. Dubbiin Kiristoos ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti dubbate waldaa guutumaa moo dhuunfaadhaan ana ilaallata?
3. Yoon ergaa kana hin qo'annee fi isaaf fedhii hin qabaanne maaltu ta'a?
4. Utuu wanti hundumtuu akka gaariitti naaf deemaa jiruu Yesuus maaliif gadadamaa jedhee na waama?
5. Gooftaan maaliif warra jaalatu adaba? Kun haqaa?
6. Adabbiin Waaqayyoo maal fakkaata?
7. Ifa boqonnaa kanaa keessatti Mul. 3:19; Far. 140:5; Fak. 3:12, 13:24; 1Yoh. 4:17; Gal. 5:6 adaraa dubbisaa.