Akeekkachiisa Jabaa
Dubbisi
Amala Waaqayyoo ifa jaalala keessatti qo'achuudhaan namni tokko haqi utuu hin jiraatiin fakkii araara daangaa hin qabne sammuu keessatti uumuu danda‘a. Warri Gooftaan dhiifama kennuu fi eebbisuu qofa jaallataa jedhanii yaadan illee jiru, yoo namni tokko qalbii jijjiirachuu hin barbaanne, eegumsi isaa irraa fuudhatamee, lubbuun sun humna dukkana jalatti kuftee sodaa fi carraa gadheetiin isa dhiphisuudhaan lubbuu isaa illee fudhachuu danda'u.
Yeroo namni cubbuu keessa jiraachaa Waaqayyo akkasitti na uume, akkasittis na simata, na jaallataas jedhee ifatti dubbachuudhaan amala Waaqayyoo jallisuu, yeroo sana warri dhaga'an Waaqa Kiristiyaanaa ifa sirrii hin taaneen yaaduu jalqabu.
Bakka bu’iinsa karaa irra jal’atee kanaan waaqa jaalala hin qabne kan haqa qabuu fi firdii araara hin qabneen adabu dhi’eessuun salphaa ta’a. Namoonni tokko tokko warra hamoota balleessuuf waaqoota isaaniitiif goraadee adabaa ta'uuf illee in murteessu.
Garuu Waaqni keenya Jaalala, inni Agaapee dha. Kun wal makaa araaraa fi haqaati.
Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti galatni tokkos, akeekkachiisа tokkos hin dubbatamne, - garuu gabaabaa "qalbii jijjiiranna" gabaabaa qofatu dubbatame qormaata akkamii akka nu qunnamuu fi diinni lubbuu akkamitti haxxummaadhaan akka nu gowwoomsu Gooftaan beeka, kanaaf Dhuga Baatuun amanamaan gara laafinaa fi jaalala haqaa isaa nuuf mirkaneessa, gargaarsi hunda caaluu fi badhaasi guddaan kan warra abboomamanis nuuf dhiyaata.
Kitaabni Mul'ata ololaa waa'eetaatee siyaasaa bara Kiristiyaanummaa hundumaa qaba, akkasumas dhuma seenaa keessatti humni akkamii addunyaa akka bulchuu fi akkamitti Waaqayyo warra hamaa akka adabuu dubbata. Akeekkachiisni ulfina qabeessi fi jabaan Mul.14:9-11 keessatti ergaa ergamaa sadaffaa ta'ee ibsama. Akeekkachiisni biraan dhuma kitaaba kana irra kaa'amee jira. Isas Mul.22:18-19 keessatti dubbifnа: " Ani kana kanan caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame dhaga'u, of e'eggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba'uuf nan jedha. Namni dubbii kanatti yoo waa dabale,Waaqayyo adaba isaa irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf jira. 19 Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira."
Akeekkachiisni lamaan kun kallattiidhaan nu ilaallatu, warra wallaalummaatiin ykn utuu beekanii araaraa Waaqayyoo haal sirrii hin taaneeen itti fayyadaman irratti maal akka ta'u ifatti hubachiisu. Namoonni akkasii kallattii jaalala isa kan biraa - haqaa dhuunfaadhaan shaakalu, innis ulfinaa ta'ee itti dhaga'ama, garuu dheekamsa Waaqayyoo, boo'icha, gadadoo, cinqii fi yaaddoo of keessaa qaba. Kallattii jaalala kanaa dubbachuu hin barbaadu, garuu jira. Jaalalli immoo walitti qabama guutummaa isa nuti keessatti haguugamnuuti (Qol.3:4). heertuun Mul.3:18 keessaa gorsa haala bu’aa’ummaa keessaa ittiin baanu of keessatti qabata. Isa qo'achuu, hiikuu fi itti fayyadamuu qabna.
Seenaa kana keessa waan hin jirre itti ida'uu hin qabu. Dji’eessiin akkasii warra ibsa sirrii hin taane dubbisan kana akka isaan ergaa kana jallisanii fudhatan ykn didan taasisa. Kana irraa kan ka‘e, firdiin bifa dha’ichaatiin ta'u warra dogoggoranii fi warra kan biroo gara qorama kanaatti geessaniif adaba haqaa ta'a. Garuu gorsa kana tuffachuun hin ta'u, sababni isaas maqaan koo Kitaaba Jireenya keessaa akka haqamuuf in sodaachisa waan ta‘eef.
Fakkeenya meeshaa Samii keessatti Samii guutummaa fi humna jaalala fi ogummaa yoon bitadhee jabaadhee itti hojedhe kan koo ta'uu danda'utu nuuf dhiyaata. Bitaa yeroo hundaa ta'ee Isa gurguruwajjin walitti dhufeenya dhiyoo qabaachuuf murtii gochuun bu'aa guddaa gara Bara baraatti geessu qaba.
Garuu mirga kana argachuuf ulaagaa hundumaa raawwachuu, barnoota hundumaa barachuu, qormaata hundumaa keessa darbuu fi qormaata milkaa'inaan darbuun qabna.
Jireenya koo keessatti mana barumsaa xumuree mirga hojii adda addaa baay'een argadhe. kana hundumaa keessatti Wanti walfakkaataa qormaata gadi fageenyaa beekumsa koo adda baasu darbuudha. Gaaffii akkamii akka na gaafatan hin beekun ture, kanaaf waan hundumaa barachuu qaba, waan hundumaa milkaa'inaan deebisuu fi hojii qabatamaa raawwachuuf na gargaare. Beekumsi argame amma jireenya gaarii jiraachuu fi karoora jireenya koo karoorsuuf na gargaara, sababni isaas murteen koo barnoota yeroo fagoo sana keessaa argame fi baratame irratti hundaa'a.
Guddinni fi barumsi akka isaan booda jireenya guutuu fi beekumsa baratame itti fayyadamuu danda'aniif waan ijoollee keenya barsiifnuudha. Isaan nu irraa qormaata hin fudhatan, garuu qormaati jireenyaa barumsa, muuxannoonis qalbii keessatti hundeefama.
Gooftaanis akka ammayyuu asitti seera Barabaraaf sirriitti jiraachuu dandeenyuuf kaayyoo isaatiif nu barsiisa,. Inni gowwummaa keenyaan akka dhukkubsannu ykn wallaalummaa keenyaan mirga du'aa akka argannu hin barbaadu. Garuu Waaqayyo filannoo keenya kabaja.
Jalqaba kitaaba Mul'ata keessa eebba warra dubbisanii fi dhaga'aniitu kennamee jira. Achi keessa jechа xiqqaa "kan eegan" jedhutu jira, kan xiyyeeffannoo addaa kennuu barbaada (Mul.1:3). Warri eegan warra dhugaa qoratan, gadi fageenyaa isaa hubatanii fi kana hubatanii beekumsa argameen immoo jiraataniidha.
Gorsi Laa’odiiqeyaa yeroo dhumaatiif beekumsa hundumaan ol barbaachisu argachuuf balbala bana, kanis qormaata xumuraa fi murteessaa keessatti barataa kan mo’etaasisu.
Yeroo tokko mirga konkolaataa oofuu argachuun barbaade. Ani seera tiraafikaa, akkaataa konkolaataa oofuu fimilikkitootaa qaroomeera. Qormaata keessatti dogoggora xiqqoo tokko tokko qaba, garuu darbeera. Beekumsi argame sun hanga ammaatti jireenya koo fi konkolaataa koo balaa irraa eega.
Gooftaan beekumsa isaa nuuf dhiyeessa, Mul.3:18 keessatti beekumsa kana akka bitannu nu gorsa. Inni nu barsiisuuf Barsiisaa ta'ee dhufee, yaada dhugaa hundumaa qabatamaatti jabeessuuf qophii dha, yeroo tokko tokko dirree waraanaatti nu erga. Inni warra waraana kana keessaa lubbuun hafan utuu hin taane, mo'attoota, warra akkamitti akka haleelan, balleessan, marsanii fi qaban beekan barbaada.
Gorsi Dhuga Baatuu amanamaa isa moofaa isa haaraatiin bakka buusuuf hin dhiyeessu, garuu dhugaa dur fuula Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame gadi fageenyaan hubachuuf balbala bana. Yesuus isaa hubachuuf beekumsa dhugaa naaf kennuu barbaada.
Maaliif kana na barbaachisa? Fuula keenya duraa waraana addaa meeshaa addaa fayyadamutu nu eega. Loltuu diina lubbuu humna jabaa qabutu fuula koo dura dhaabbata. Isaan kiyyoo naaf kaa'anii karaa hundaan na marsu, isaan baay’ee waan ta’aniif gara isaanitti akkan darbuuf na gaafatu. Meeshaan isaanii sosobuu, sobа, sodaachisuu, argannoo saayinsii, faayidaa waliigalaa, fuuldura bareedaa, mijaina, quufaa, daldala, qarshiidha. Isaan qajeelfama Macaafa Qulqulluu isa jabaa akkan gadhiisuu fi bineensichaaf akkan sagaduu kana hundumaa fayyadamu. Garuu beekumsi dhugaa fi meeshaan Laa’odiiqeyaa kana dura dhaabbachuufi waraana kana keessaa mo'uuf nu gargaara.
Amma qophiin waraana jalqabamee guutummaatti deemaa jiru. Kana keessatti akeekkachiisa loltoota Kiristos warra gowwootaa fi warra of hin eeggannee eeggatu yaadachuu qabna. Yeroon nagaa darbeera, hiribinnin hafuuraa carraa nuuf hin kennu. Garuu jaalalli Waaqayyoo yeroo kana keessatti sammoo kootiif gargaarsa fi deeggarsa ta'a. Isa dura homtuu dhaabbachuu hin danda'u. Mo'ataan Samii dhaalа, waan hundumaas argata.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. Ifa boqonnaa kanaa keessatti Fak.30:5-6; Seera 4:1-2; 11:26-28; 12:32; 30:19-29; Far.26:1-3; 18:8-11; 84:11-12; Mat.24:9-13; Mul.1:3; 3:18-21; 6:9-10; 14:9-12,19-20; 16:1; 20:13-15; 22:17-20; Far.44:7-8; Yos.24:15 dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Nama tokkoo keessatti araaraa fi haqaa walitti fiduu dandeessuu? Kun maal fakkaata?
4. Maaliif akeekkachiisa jabaa akkasii nuuf kennama? Waan hundumaa dhiifama gochuu fi irraanfachuun salphaa mittii?
5. Gooftaan waadaa adabbii isaa ni raawwata jettanii yaadduu?
6. Adabbiin ijoollee Waaqayyoo fi adabbiin warra hamootaa maaliin adda ta'a? Fak.19:18-19.
7. Aarii namaa fi aarii Waaqayyoo maaltu adda godha?
8. Murtiin Waaqayyoo hafuuraa qofaan ta'ee, addunyaa hafuuraa qofa ilaallachuu danda'aa?
9. Warra gorsa Laa’odiiqeyaa didan Waaqayyo garee kam keessatti lakkaa'a jettanii yaaddu?
10. Isin man kuusaa Laa’odiiqeyaa keessaa bitachuuf murteessitaniittuu? Yoo hin taane, sababni isaa maal?
11. Meeshaa Samii keessaa dura kan isin bitattan maal?
12. Waan biroo dhiisanii uffata adii qofa bitachuun ni danda'amaa?
13. Barnoota kana keessatti wanti barbaachisaan tokkо isinitti mul‘ataa?
14. Lola yeroo dhumaa akkamitti yaaddu?
15. Diinonni keessan eenyu? Maaliif diina akka isaan ta'anitti yaaddu?