Gowwootaa fi Ogeesota
Dubbisi
Fakkeenya durboota kudhanii keessatti Yesuus saba isaa kutaa lamaatti qoode. Fakkeenyi kun fakkii waan gara fuulduraa guutummaatti kan hin ibsine ta'us, gorsa fi akeekkachiisa xiyyeeffannoo barbaadan tokko tokko of keessaa qaba. Yoo gadi fageenyaan hubachuu barbaanne, dhugaa baay'ee barbaachisaa ta'ee yaada cimaa barbaadu mul'isa.
Gooftaan durboota kana garee lamaatti qoodee maqaa ogeesotaa fo gowwoota jedhu isaaniif kenne. Akka bita nu hin galchineef Yesuus garee lamaanuu lakkoobsa wal qixa godhe. Yeroo dhumaatti dhibbeentaan isaan gidduu jiru hangam akka ta'u tilmaamuu qofa dandeenya. Garuu nichuun keenya inni Samii kun gaaffii kana ofii isaatii akka furuuf haa heyyamnu.
Durboonni warri ogeesonni dhaadhaa nuugii qopheefachuu isaanii qofaadhaan adda ta'an, warri gowwoonni garuu kana gochuuf hin ariifanne.
Gowwoonni warri Macaafni Qulqulluun yeroo tokko tokko gowwaa ittiin jedhu warra yaada sirrii, hubannaa, balaa fuula duraa arguu hin dandeenyeedha.
Garuu durboonni warri gowwoonni kutaa saba Waaqayyoo akka ta'an yaadachuu qabna, gowwaa guutuummaatti doofota jedhanii waamuun dogoggora ta'a. Isaan sodaa Gooftaa qabu, dhugaa beeku, dhaadhaan nuugii eessaa akka bitamu beeku, bitachuufis maal akka kennuu qaban beeku, garuu maaliif akka kana hin goone hin beekamu.
Yesuus gad fageenya qophii cidhaa hin ibsine, garuu fakkeenya kana keessaa akka hubatamutti, durboota gowwoota jalaa dhugaan yeroo waan dhokate miti. Isaan dhaga'aniiru, waa’ee isaa qo'ataniiru, hubataniirus, garuu akka isaa wajjin wal simutti homaa hin jijjiirre. Sababni yertuudhaaf waan gochuuf waamaman gochuuf yeroo akka qabnitti yaadu. Durboonni kun dhadhaa nuugii qormaataaf barbaachisu xiqqoo illee argachuu akka danda'anitti yaadan.
amantii fi beekumsi isaan gargaaruu kan inni danda’u yoo abboomamuu fi waan dhi’aate gochuu wajjin walitti makame qofa akka ta’e akka nuyi hubannuuf Kiristoos fakkeenya cidhaa fayyadame.
Durboonni gowwoonni, tarii garee warra daawwatootaa fi dhageefatootaa warra homaa hin daganne, warra guutummaatti odeefannoo argatanii bakka bu'u. Garuu ololaan yeroo dhumaa baay'ee waan ta'eef, durboonni gowwoonni kun hojiin itti baafachuu irraa kan ka’e yeroo hin qabaanne, kanaaf waan Gooftaan Samii utuu hin turiin akka raawwataniif isaan gorse hin hojjenne. Isaan sirrii gochuuf ogummaa hin qaban.
Ani durboonni gowwoonni Seera Waaqayyoo akka cabsanitti hin yaadu. Isaan abboommii Waaqayyoo hunda eeganiiru, isaaniifis amanamoo ta'aniru. Isaan dhugaa beeku, kana keessattis guddatan. Garuu akka isaan irraa eegamu yoo beekan iyyuu qormaata yeroo dhumaatiif qophaa'uu fi obsuuf homaa hin goone. Durboonni kun dhadhaan nuugii maal akka ta'e, eessaa akka gurguramu, gatiin isaa hagam akka ta'e, bitachuufis maal gochuu akka qaban beeku. Yeroo gara warra gurguraniitti ergaman, gara isaanii dhaqan. Waan tokko bitachuun isaanii, dhadhaan nuugii kun kan dhugaa ta’uun isaa, ga’aas ta’uun isaa nutti hin himamne. Garuu wanti tokko ifaa dha. Isaan barfataniiru. Waan tokko sirreessuuf yeroon baay'ee darbeera. Yeroo xiyyaarri ani ittiin imaluuf yaade lafa irraa ka'u, wanti ani jijjiiruu hin dandeenye tokko akka ta'en hubadha. Garuu olii dhalachuuf, ifa guutuu qabaachuuf, macaafa jireenyaa keessatti barreefamuuf, durboota kanatti Barabaraan akka guyya’e, qophii dhumaa akka dagatan hubachuu qabna. Isaan filannoo isaanii isa bara baraan wajjin hafu. Gowwummaa malee jechi biraan kana ibsuu danda’u hin jiru. Onnee Barabaraa keessa ta’uu, waan barbaachisu hunda beekuu, bilisa ba'uuf hawwuu, warra fayyan keessatti of yaaduu, ifa haaraatti gammaduu fi kana hunda salphinaan dhabuudha!
Tarii fakkiin kana caalaa nama rifachiisu jera jedhamee yaadamuu danda’u hin jiru ta’a. Samii guutuuf mirga fi carraa argatanii barabaraan dhabuu fi salphaatti meeshaa Seexana ta'uu. Kun dhuguma dhiphina guddaadha. Garuu seenaa kana keessatti wanti gaddisiisaan hundumaan olii Kiristoos durboota gowwoota kanaan isin hin beeku jedhee dubbachuu isaati. Akkamitti?! Isaan waldaa sirrii keessa turan, bakka sirrii keessa turan, dhugaa hunda beeku, garuu waan xiqqoo tokko dhaban.
Deebiin warra gurguran biraa, bakka durboonni gowwoonni yeroo ibsaan isaanii dhaamuuf akka ta’e hubatan dhaqanii argamuu danda'a. Bakki ulaagaa kanaaf baay'ee galu tokko Mul'ata 3:18 keessa abba Gooftaan meeshaa tokko tokko akkan isa irraa binnu nu gorsuudha. Innis fudhachuuf utuu hin taane bitachuu qofa.
Ogummaan koo inni Dhugaa Baatuun amanamaan arguu barbaadu, bittaa kana raawwachuu, waan na irraa eegamu kaffaluu, waan bitame argachuu fi itti fayyadamuu, bu’aa’ummaa sammuu kootii isa duraa irraa qalbii jijjiirachuu, fi isa ol seenuuf dhufe irraa balbalaa banuu keessatti argama.
Ogeessa ta’uun kun akka Ija kootti hubannaa kootiin sirrii ta’uudha, garuu ogummaan kun ulaagaa Waaqayyoo wajjinn deemuu isaa barbaachisaa dha. Rukutuu fi sagalee Kiristoosiin hundumtuu dhaga'uu danda'a, garuu kan isaaf banu muraasa qofa. Tartiiba isaa yaadaan qabi. Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti jalqaba cubbuu kootu maqaan dha’amee ifatama. Sana booda karaa ba'umsaatu naaf dhiyaata. Waan rakkoo kootiif furmaata ta'u bitachuun qaba. Kana booda meeshaa dhiyaate argachuu fi jireenya koo duraa irra qalbii jijjiiravhuuf akkan sammuuquuf waamichi ta’a. akkan isaa beekuu fi hubadhuuf Gooftaan mataan isaa walitti dhiyeenya dhuunfaa na waliin qabaachuu barbaada. Akka bu'aa dhugaa kana hundaaf abboomamuutti, badhaasi Barabaraa inni ol'aanaan kan amma madaaluun isaa ulfaatu abdachiifame. Warra dhageefatoota dagatoo ta’uuf murteessaniif ergaa kana booda wanti tokko iyyuu hin jiru. Garuu kan gurra qabu Hafuurri waldootatti maal akka dubbatu dhaga'a. Hafuurri maal akka isinitti dubbatu dhageessuu?
Garee durboota kamii keessa akkan jiru salphatti murteessuu nan danda'a. Waan Dhugaa Baatuun amanamaan na gorsu yoon dhaga'uu fi dubbisuuf fedhii qabaadhe, garuu "Waan akkan bitadhuuf na gorsite natti gurguri!" jechuudhaan yoon isa hin gaafanne, bitaa fi gurgurtaan kun ta'uu isaa yoon hin mirkaneeffanne, ani gowwaa ta’uuf balaa keessan jira.
Michootаa, dhiyeessii kana keessa yeroo dhumaatiif eebba Samii yaada sammuu namaan oli ta'e baay'een akka jiru hubadhaa!!! Yoon kana hin hubanne, ergan hubadhe booda waan kana argachuu fi kan koo godhachuu baruuf jabaachuu hin barbaanne, eenyu illee na beekuuf balbala koo bira hin dhufu. Meeshaa isaa warra waaqayyo mataa isaa keessatti dabarsee kennuudhaan akkan bituuf na gorsee naaf dhi’eesse yoon tuffadhe waa'ee maalii natti dubbachuu danda'a? yeroo rakkinaatti ataman nama gaddaa, nama gadadamaa, nama gowwaa ta'a? kun wanta Gooftaan hawwuudhaa? Ogummaan durboota ogeesotaa meeshaa Waaqayyoo argachuun akka ta'e attamittan amansiifamuu danda'a?
Gatiin ol'aanaan ani waan kana ittiin bitachuu danda'u yeroo kooti. Waaqayyo guutummaa koo fi cubbuu koo hunda irra deebi’uu koo eega, garuu kana kennuu keessatti yoon yeroo koo kennuu baadhe, "Waan barbaaddu fudhаdhu" jedhee dubbachuu qofaadhaan bittaan hin raawwatu. Meeshaalee Waaqayyoo kana bitachuudhaan wanti bitame kun kan koo ta'uu isaa fi itti fayyadamuu akkan danda'us mirkaneeffadheen jireenya koo isa hafe kenna. Dhadhaa nuugii kan inni kennamu qusachuu utuu hin taane, qodaa ibsaa keessatti dhangala'ee yeroo dukkanaa akka ifuufi, kanaaf immoo beekumsa Waaqayyoo isa gadi fagoo fi onnee banamaa na barbaachisa.
Gooftaanis Of isaatii fi jaalala isaaf yeroo koo hundatti gammachuudhaan dhimma ba’a.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. Ifa boqonnaa kanaa keessatti Fak.23:23; Mat.25:1-13; Mul.3:18-20; Yaq.1:21-25; Efe.5:14-18; Rom.13:10-14; Is.5:21; 29:11-16; Far.48:21; Fak.1:5-7; 3:5-8; 8:1-19; 14:16; 28:26; Ekkl.8:1; 2Qor.1:19-21; Yer.5:21-24 dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Durboota ogeesotaa fi gowwoota gidduutti garaagarummaa maalii argitu?
4. Maaliif durboonni gowwoonni dhadhaa nuugii irraa hafaa hin qaban?
5. Durboonni gowwoonni qodaa ibsaa isaaniif dhadhaa nuugii eessaa argachuu akka danda'an maaliif beeku?
6. Garee durboota kamii keessa akkan jiru akkamittan murteessuu danda'a?
7. Dhugaa Baataa dhugaa irraa meeshaa kana bitachuu jalqabdanii hanga Dhufaatii Lammaffaatti daldala kana keessatti hirmaachuuf qophooftaniittuu?
8. Waan itti hin fufne jalqabuun barbaachisaa dhaa?
9. Yesuus fakkeenya durba kudhanii maaliif dubbate?
10. Fakkeenyi durboota kudhanii yeroo keenya kanaaf waan barbaachisaa of keessaa qaba jettanii yaaddu?
11. Caaffata Macaafa Qulqulluu qo'annoo kanaaf dhiyaatan keessatti walitti dhufeenyi jiraa?
12. Manni Barumsaa kun gowwummaa keessan isin barsiisaa?
13. Barnoota kana qo'achuu booda murtee akkamii fudhattan?
14. Gooftaan dhageefatootaa fi daawwatoota qofaatti maaliif hin gammadu?
15. Warra meeshaa Laa’odiiqeyaa qabaachuuf yeroo psaanii hin dabarsinee wajjin irbaata nyaachuuf Yesus in dhufaa?