Andrey Karpekin / Kitaabota🌐 Afaan biraa

Gingilfamuu

Dubbisi

Wanti baay'ee nama hawwatu isa Samiin akka itti sabnii Waaqayyoo qormaata ibiddaa, qormaata obsaa fi amanamummaa, qormaata ilaalchaa isaan badhaadhina fi hojii dhabummaa keessa darbu isaanii ilaaluudha. Tokkoon tokkoon keenya ifa nuuf ergameen maal gochuuf akka murteesinu ilaaluutti yunversiin guutummaan baay’ee gammada. namoonni qaamaa maatii Samii ta'an amala akkamii qabaachuu akka qaban ilaalchisee jiraattotaaf isaanii kan dhimma hin qabne miti. Yeroon waggaa 12 ture, yeroo booqannaa ganna akkoo mandaraa keessa koo biran boqodhe. Ani fi durbiin koo gara qonnaa naannoo deemnee hojii barbaanna. Yeroo tokko tokko farda nuuf kennu, nus yaabannee marga sassaabuuf marga hamuu deemna. Yeroo tokko maashinii gingilchu suphuuf gara meggoo (elevattor) nu ergan. Boolla guddaa keessatti konkolaataa keessaa midhaan haaraa sassaabame akkamitti meeshaa addaa siitaa lama qabu keessatti gadi naqan, ilaaluun baay'ee natti tola. Yeroo meeshaan kun hojii eegalu vibreetii jalqaba, midhaanni dhufus gingilfamuu keessa darbee sadarkaa tokko irra ga'ee bu'aa argame irraa gara itti aanutti ce'a. Gingilchaan inni jalqabaa xurrii gurguddaa qofa qabee midhaan hunda of keessa dabarsa. Gingilchaan inni lammaffaan midhaan gagaarii of keessatti qabata, garuu boolla xixiqqaa awaarri, xurii xixiqqoo fi sanyiin xixiqqaan hunda gara gaditti dabarsu qaba. Hojiin keenya wantoota badan hunda baaldii keessatti walitti qabuu fi konkolaataa tiraaktaraatti fe'uu ture. Gingilchaan adeemsa amala qulleessuu isa sabni waaqaa hundi keessa darbuu qabaniidha. Kun taatee gaddisiisaa fi murteessaa macci samii ilaalaniidha. Gooftaan ifa isaa isa namoota tokko tokkoof buddeena jireenyaa isa kaaniif immoo dhagaa gufannaa ta’u in dhangalaasa. Waaqayyo ibidda qormaataa amala lallaafaa qoruu fi xuraa’ummaa miidhaa qabu gubu in erga. Adeemsi qulleessuu fi jabeessuu kun hamma amalli warqee inni amanamaan bifa uumaa callaqisiisuu jalqabutti utuu wal irraa hin kutin itti fufa. Hundumtuu qormaata amantii kana hin danda'an. Namoonni tokko akka akka mukaa jabaa, qilleensa jabaa danda’ee garuu raammoo hamii, wal dhabdee fi miidhama lubbuu keessaa ishee xiqqootiin nyaatamee du'a. Namoonni tokko tokko immoo humna Waaqayyoo isa guddaa jireenya namoota biroo keessa jiru amanu, mo'icha isaaniitti gammadu, garuu jireenya ofii isaa Isa hundumaa gararraa jiruuf kennuu hin danda'u. Namoonni tokko tokko immoo dukkana keessatti baay'ee of beeku, maal akka qulqulluu ta'e fi maal akka hin taane beeku, fedhii isaatiin kana adda baafachuu danda'a, garuu ifa guddaa jireenya isaa keessatti dhufuu waan gochuu qabu gonkumaa hin hubatu. Namni akkasii kana ni didda. Tokkoon tokkoon keenya qormaata adda addaa qabna. Nuti hundumtuu ifa walfakkaataa qabna, garuu ilaalcha keenyaan ilaalama. Waaqayyo umrii keenya, humna, xiinxala, beekumsa jiru, muuxannoo, haala guddina fi akka kanaatti waan nu jabeessu fi nu barsiisu akka obsinu hayyama. Diinni lubbuus gingilchaa mataa isaa qaba, gombisaa isaa keessattis makara gatii hin qabne walitti qabuu barbaada. lubbuu isaa argachuuf gowwomsuu, qoruu, hawwachuu fi abdii kutachiisuuf qophaa'aa dha. Hidhaan dukkana fi duuti hafuuraa jabaadha, namoota muraasa qofaatu gargaarsa Waaqayyootiin cabsuu danda'a. Garuu Gooftaan mootummaa dukkana weeraruu hin dhiisu. Isa keessaa lubbuu baasuiuf Inni yeroo hundaa gara mooraa diinaatti nu erga,. Yoo ani jaalladhes jaallachuu baadhes jireenyi koo Kiristoosii wajjinii qormaataan guutuu dha, lubbuun koos yeroo hundaa dindilchaa haaraa isa qormaanni Waaqayyoo irratti qindaa‘ee fi waan xuraa'aa hunda adda baasu keessa darba. Gingilchuu keessa darbuu adeemsa jireenyaa namni Waaqayyoo hundi keessatti hin gammadneedha. Yeroo tokko tokko ani ujummoo miilli Waaqayyoo keessa adeemun ta‘a, ana keessaa xuriin keessa kootii inni hubachuun isaa na rifachiisu akkasii in ba'a. Waan ta'aa jiruun nan raafama, xuraa'ummaa cubbuu kana irraa qulqulla'uuf araaraa fi humna Waaqayyoon kadhadha, Gooftaanis na dhiqa, xuraa'ummaa kun deebi'ee lubbuu koo akka xureessuuf hin hayyamu. Namni tokko tokko garuu akka saree digdiga isaanitti deebi'a, ykn dhoqqee keessa gangalata, waan ta'aa jirus hin hubatu. Wanti ammaan addunyaa keessatti ta'aa jiru hundumtuu qormaata adda addaa amantii keessatti nu jabeesuudha ykn immo Waaqayyoo irraa nu fageessu. Murteen koo hundumtuu tarkaanfii guddinaatiif ta'uu danda'a ykn gara badiisaatti na geessu. Qormaanni hamaan hundumtuu hammeenyaa naaf hin fidu, qormaanni gaarii hundumtuu eebba naaf hin qabu. Namoota tokko tokkoof badhaadhummaan tola ooltummaaf sababa ta'uu danda'a, kanneen biroof immoo quufuu fi hojii hiikuuf qormaata. Garuu Waaqayyo amantoota hundumaa qulqulleessuu fi qoruu barbaada, Yommuu jiraannu, akka qurxummii jiraataa yeroo hundaa bishaan yaa‘aa keessa qaxxaamurru, addunyaa kana irraa mormii yeroo hundaa obsina. Kufaatiin ykn dogoggorri koo hundumtuu akkan Samii dhabe hin himu. Wanti akkasii adeemsa guddina ykn barumsaan keessatti in hayyamama. Mo'ichi ykn milkaa'ini koo hundumtuu jabina fi amanamummaa koo hin mirkaneessan. Mana Barumsaa Kiristoos keessatti mo'ichi dhumaa hin jiru. Waraanni hanga Dhufaatii Lammaffaa ykn hafuura koo dhumaatti itti fufa. Wantoota kana keessaa tokko qofa jireenya koof madaalli dhumaa kenna. Gareen namootaa gadda qabanii warra qilleensi qormaataa gara biyya lafaatti deebise miti, garuu ijoolleen Waaqayyoo warra cubbuu isaanii arganii, isa akka sirriitti fudhachuu jalqabanii fi warri kaanis akkas akka godhaniif barsiisaniidha. Namooni dukkanaan ifa jedhanii waamanii fi jireenya isaanii keessatti waan tokkollee jijjiiruu hin barbaanne, Hafuura Qulqulluu arrabsu, warra naannoo isaaniittis waaqa qulqulluu karaa sirrii hin taane mul’isu. Gingilchaan Waaqayyoo nama wal hin caalchisu, garuu ijoollee dadhaboo fi laafoo hundaaf ija baay'ee laafaa fi araara qabeessa. Warra isa malee homaa hojjechuu hin dandeenye tikseen gaariin jaalalaa fi eegumsa attamiitiin gara qormaataatti geessa. Ibiddi akka hin gubnee fi bishaanni akka hin liqimsineef Inni harka isaa irratti nu baata. Inni of tuulaa fi boonaa hundumaa gingilchaa keessatti gadeebisa, haqaa fi adabbii keessa nu darbarsa, garuu jaalala fi kunuunsa nu hin dhowwatu. Karaa kana dhumaatti Gooftaan garaagarummaa keenya keessaa tokkummaa isaa, jaalala isaa fi amala isaa arguuf hawwa. Nuti firoota warra wajjin guddanne du’aan dhabuu, mo'icha argachuu fi amanuu shaakalleerra. Namoonni kun qalbii keenya keessa jiru, qormaata kan biraa keessatti isaan dhabnee, akka isaan bara baraan deeman amanuun hin danda'amu. Nuti isaan irratti wal loluuf itti fufna, ka'uun gara fuulduraatti deemuu akka qaban hubachiisna. Garuu yeroo hundaa nu dhaga'uu hin barbaadan, waan tokko bara baraan badee akka du'u hubanna. Dhiphina kana jechaan ibsuun hin danda'amu, garuu onneen keenya beeka, Waaqa jaalalaa boo‘a. Dhuma yeroo irratti qormaata amantii hamaatu nu eega, kana keessatti warra Kiristoos uffatanii fi jaalala keessatti jabaatan qofatu dhaabbatu, kanaaf kana qabaachuu fi baruunis barbaachisaa dha. Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu 1. ifa boqonnaa kanaa keessatti Luq.22:31-32; Yoh.15:17-23; Yaq.1:2-4,12; 1Pet.1:6-9; 4:12-16; Dan.3:11,17-18,23-26; 11:33-35; 12:1-3; 2Qor.8:1-2; Is.1:25; 10:20-23; 46:3-4; Yer.33:8; Hez.36:25; Rom.9:27-28; Rom.11:2-6; Mul.14:12-13; Yoh.12:35-36; 16:2-4 dubbisaa. 2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan? 3. Gingilchuu akkamitti hubattu? Kun maal jechuudha? Jireenya keessan keessatti Gingilchuun akkamitti mul'ata? 4. Isin kanaan dura adeemsa Gingilchaa keessa darbeera jettanii yaaddu? 5. Obboloonni keessan hundumtuu projektoota hafuuraa hunda keessatti hirmaachuu fi wal ga'ii hunda irratti argamuu itti fufaniiru? 6. Warra amantii qabatanii booda gara biyya lafaatti deebitan beektuu? Sababni isaa maal ta'uu danda'a? 7. Maaliif Waaqayyo saba isaa gingilcha? 8. Mammaaksa "Lukkuu ganna booda lakkaa'u" jedhu beektuu? Gingilchuu wajjin wal fakkeenya qabaa? 9. Qormaanni cimaan fuula duraan nu eeggatuu isin hin sodaachisuu? 10. Maaliif warqeen ibiddaan qoramuu qaba? 11. Diinni lubbuu dhugaatti hammam akkan jabaadhuu fi iddoon dadhabbii kootii eessa akka ta’e beekaa? 12. Beekumsi kun qormaata dhufaa jiruuf qophaa'uuf in gargaara jettanii yaaddu? 13. Ani Gingilchuu fi eenyu fayyuu akka qabu, eenyu immoo baduu akka qabu murteessuu qabaa? 14. Yoon qormaata keessatti hin dhaabbanne, amantiin koos dhabataa deemuu isaa yeroon argu maal gochuu qaba? 15. Gingilfamuu sodaachuu qabna? Yoon sodaadhe maal gochuu qabna?