Utuu Eeganii Rafan
Dubbisi
Yoo waan Seexanni amma hojjechaa jiru ilaallee, akka inni bifaa fi milikkita bineensaa nu dhiyeessuuf qopheessaa jiru argina. Inni addunyaa guutuu waan ta'uuf jiruuf qopheessa, karaa danda'amu hundumaan namoota hunda keessatti Waaqa malee jiraachuu, cubbuu jaalachuu fi dhimma dhabdummaa barsiisa.
Uumaan Lafa keenyaa nama ulaagaa fayyinaa fedhuu fi fudhatu hundaa fayyisuu barbaada. Waaqayyo nama hundaa gara qalbii jijjiirranaatti waama, akkasumas yeroo gatiiwwan barabaraa waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu xiyyeeffannoo gara bilaashummaa kaayyoo lafaatti harkisa. Eenyutu sagalee kana dhaga'a?
Wal dhabdeen hafuuraa jabaachaa deema, yeroo dhi’oottis xumura taatewwan dhumaa argina.
Biyya lafaa maaltu eeggata? Nu irratti maaltu ta'a? Maaliif qophaa'uu qabna? Maaltu ta'aa jira? Gaaffileen kunii fi kan biroo hundumtuu ifaa dha, deebii sirrii beekuunis barbaachisaa dha. Namoonni dhugaa dhaga'uu barbaadu, garuu dhugaa kanaa fi fayyina dhiyaate ni fudhatu? Garuu yoo waan Gooftaan nutti mul'isu addunyaatti hin himne, namoonni deebii arbaaduu bakka biraa bdeemu, diinni lubbuus waan ta'aa jiru akka fedha isaatti dubbachuudhaan nagaa fi nageenyatti jiraachuu isaanii isaan amansiisa.
Hafuurri dunquqqaa’ummaa saba Waaqayyoo gidduutti hojjechaa akka jiru hubachuun nama gaddisiisa. Kun waan nuyi irratti hojjechuu qabnu akka ta'e raajameera.
Hawaasni keenya waan hundaaf qarshii barbaadu, waan hundaafis kaffaltii barbaachisa. Namoonni baay'een badhaadhina keessa jiraatu. Namni tokko hojii ulfaataadhaan galii argatu, namni tokko jiraachuuf ganama hanga galgalaatti qota, namoonni tokko tokko immoo kana hunda dadhabee liqiin awwaalamee jiraata. Diinni lubbuu immoo nageenyi koo qabeenya koo isa guddaa keessa akka jiru na amansiisuuf yaadee teessuma lafaa miidhagaa, quufaa fi tasgabbii qabaachuu naaf dhi’eessa. Kanaan yeroo koo qabeenya argachuu irra akkan oolchuuf na kakaasa. Fakkeenya namoota milkaa'oo irraa qaroomina, beekumsa fi dandeettii qabaachuudhaan dafee soorоmuu akkan danda'un arga, garuu qabeenyi koo lafaa balbala Mootummaa Samii akka naaf hin banne yaadachuu qaba, yoo dhimma ammaa furuu fi fedhii jireenya guutuu danda'e illee yaaddoo baay'ee fi rakkoo hin barbaachifne natti ida'a.
Diinni lubbuu sirna hafuuraa, qabeenya, ololaa baay'ee nama hawwatu ijaaree jira, kan keessatti dhugaa fi soba, gaarii fi hamaa walitti makee, Baabiloon keessa akkan jiraadhu, waa'ee Samii tokko illee akkan hin yaanne na gaafata.
Waa'ee yeroo dhumaa ilaalchisee akkuma bara Nooh keessa ture namoonni fayyina isaanii akka hin yaadne dubbatameera. Akka Wanti hundumtuu waanuma uumamaa, jiraataa, kan idilee waan ta'eef dhiibbaan akkasii na rafiisa.
Raajiin waa'ee yeroo dhumaa Macaafa Qulqulluu fi Hafuura raajii keessatti nu kennameera, akkamitti wantoonni kun akka guddatan ifa ta’ee ibsameera. Garuu ololaan waa'ee yeroo kanaa bal'inaan nuuf hin kennamne. Raajii keessatti jecha tokko illee waa'ee interneetii fi meeshaalee walqunnamtii, gosa meeshaa waraanaa hundumaa fi guddina teekinooloojii, milkaa'ina saayinsii fi argannoo ajaa'ibaa hin dubbatamne. Garuu kun kan daangefame akka hin taane argina. Jireenyi namootaa garuu caalmaatti qajeelaa sirrii hin taane.
Seexanni ajajaa dandeettii guddaa qabuudha. Inni nu caalaa raajii hunda qo'atee hubateera, warra inni gowwoomse irratti hojii balleessaa isaa raawwachuuf humni muraasni akka kennamu hubateera. Inni carraa kana gad dhiisuu hin yaadu. Inni karoora Waaqayyoo xiyyeeffannaan qo'atee karaa kana irratti sobaa fi kufaatii hunda fiduuf tooftaa hunda beeka. Eenyutu gowwoomsа Seexanaa dura dhaabbachuu danda'a?
Ani ijoolleen Waaqayyoo baay'een isaanii raajii waa'ee yeroo dhumaa qo'achuudhaan, akkam ta'uu akka qabu fakkii kaasanii akka hubannoo isaaniitti guddina wantoota ta'u eegu jedheen yaada. Garuu rakkoon jiru, Seexanni mormaa beekaa isa karoora keenya hunda of eeggannoon qo'atee fi barnootaa fi lallaba keenya hunda dhaga'edha, innis gara bakka haleelamuuf eegamee fi qopheen irratti godhameetti waraana isaa wajjin deemuuf gowwaa miti. Inni raajii wajjin akka deemu mul'isuuf sobaa uumee loltoota isaa muraasa erga, humnaa fi gowwoomsa isaa isa guddaa bakka xiqqeefamee eegametti qajeelcha. Seexannis mirkaneefatee rukuta.
Diinni haleeluuf qopha’aa malee akka keenya hin rafu.
Waaqayyo karoora Seexanaa beekaa? Eeyyee, beeka. Inni hundumaa gararraa jiru karoora waraanaa mataa isaa qabaa? Eeyyee, qaba. Karoorri kun Macaafa Qulqulluu ykn kitaabota biroo keessatti ibsameeraa? Eeyyee, garuu bal'inaan hin ibsamne.
Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti Gooftaan ibsa bal'aa utuu hin kennin akka bitannuuf nu gorsuu isaa argina. Garuu warri karoora kana beekuu barbaadanif Hafuurri Qulqulluun hiika fakkeenyotaa fi raajii mul’isuu jalqaba.
lola dhumaatiif qophaa'uu keessatti sadarkaa yaadaa fi miira kootiitti fudhatamuu keessatti Mul'atni Waaqayyoo adda, inni qalbii koo keessatti barreeffamee dhuunfaa koof ifaa ta'a. Maal akka na eeggatuu fi maaliif akkan qophaa'uu qabu ifa Mul'ata olii dhufe kanaa keessaan hubadha. Waaqayyo kiyyoo diinaa irraa na akeekkachiisa, bakka tokko tokkotti immoo akkan waa baradhuuf kufaatii illee in hayyama. Anis Kiristoos mataa isaa irraan baradha.
Diinni lubbuu yaada koo dubbisuu hin danda'u, waan Waaqayyo natti mul'ise beekuu hin danda'u, tooftaa waraanaa kana keessatti maraatummaatu itti dhaga'ama. Seexanni fi hafuuronni hamoon isaa Waaqayyo eenyu illeen isa dura dhaabbachuu kan hin dandeenye guddaa akka ta'e beeku, kanaaf humni hamminaa sun kufaatii itti dhufu in sodaata. warri mo'atan warra guutummaa Jaalala Agaapee Waaqayyoo fudhatanii fi Waaqa waliin tokkummaa argatan kanaan waan hunda mo'atan akka ta'e diinni lubbuu in hubata. Inni karoorri Waaqayyoo akka hin raawwatamne dhoowwuu hin danda'u, garuu yoo danda'ame, warra fo‘aman gowwoomsuuf yaala.
Ijoollee Waaqayyoo fayyina isaaniitti akka hin ariifanne, dhugaa addaa hubachuuf akka hin jabaanne, yeroo isaanii walitti dhufeenya Waaqa waliin akka hin dabarsineef rafiitiin meeshaa diinaa isa amanisiisaadha. Namni tokko dadhabbiin itti dhaga’amee ykn mudhukee gara boqonnaa ta’uu dhaquun in barbaachisa. Garuu wanta yeroo wajjin faallaa ta’e keessa ligida’anii turuundhaan, bakka nageenyaa argachuudhaan ‚‘‘ lubboo koo waan bara baay’eef si ga’u qabdaa, nyaadhu, dhugi, gammadi“ jechuun hin barbaachisu.
Humna Seexanaa xiqqeessuun hin ta'u. Gowwoomsaan isaa sammuu macheesuuf ogummaa fi haxxummaa guddaa qaba. Ati waan hundumtuu gaariidha jettee yaaduudhaan jireenya kee jiraatta, garuu inni faana kee jala akka jirtu hin hubattu. Garuu aangoon diinaa kun daangaa isaa bakka hedduun keenya yeroo tokko tokko keessaa seennu keessatti milkaa'inaan hojjeta. Humnni Seexanaa guddaa ta'us, isa ol guddisuu fi yeroo koo hunda kanaaf kennuu hin qabu. Inni jira, haxxee fi cimaa dha, garuu Waaqayyo isa caalaa cimaa fi ogeessa. Kanaaf miilla Waaqayyoo jala taa'uudhaan waan ol'aanaa yaaduu wayya.
waraana Seexanaa keessatti injineera ykn ajajaa ta’uu mannaa harka Waaqayyoo keessatti saanduqa cirrachaan guutame keessa fi keekii cirrachaa tolchanii taphachuu wayya.
Waaqayyo saba isaa waraana addaatiif qopheessa. Meeshaan waraanaa isaa - amantii, jaalala-Agaapee Waaqayyoo, amala Yesuus fi waan hamaa fi gaarii adda baafachuuf ogummaa gaarii qabaachuu dha. Dhuga baatuun inni amanamaan Kana hundumaa akkan bitadhuuuf naaf dhiyeessa. Sana booda qabeenya lubbuu kana akkan argadhuu fi cubbuu darbe irraa qalbii jijjiirachuuf akkan sammuuqu na gaafata. Akkasumas jaalala fi amantii keessatti na jabeessuuf, amala isaa yaada fi miira koo keessatti mul'isuuf, Gooftaan karaan mul'ata dhuunfaa karoora isaa hunda naaf kennuuf ofii isaatii balbala garaa kootii dura dhufa.
Raajiin dhugaadhumatti raawwatamuuf jiru naaf kennameera, garuu akka ani yaaduutti miti. yeroo kanaa fi maal akkan hojjedhu, Gooftaan sadarkaa dhuunfaatti saba isaatti waan hunda mul'isa. Yeroon kunis: amma! Ati dhageesseettaa?
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. Ifa boqonnaa kana keessatti Mat.24:37-39; 25:5; Fak.10:5,28; Efe.5:14-18; Fak.23:31-35; Mul.14:8; 18:2,23; 1Pet.5:8; Far.16:8-9; Mat.12:28; Heb.10:26-29; Luq.8:18; Heb.3:15; Mul.3:18-20 dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Waa’ee taatewwan xumuraa yaada jabaa qabduu?
4. Seexanni akka nu eegnutti godha jettanii yaadduu?
5. Yeroo dhumaatiif barbaachisummaa qophii addaa in hubattuu?
6. Yeroo rakkinaaf akkamitti qophaa'uu akka qabdan isiniif ifeeraa?
7. Seexanni akka eegannoo kootti raawwataa moo karoora mataa isaa qabaa?
8. Hanga Dhufaatii Lammaffaatti dhaabbachuuf maal gochuun qaba?
9. jecha "Daangaa diinaa" isa itti seenuu hin qabne jechuun maal jechuu akka ta’e hubattu?
10. Namni rafu nama sammuuqaa caalaa diinaa maaliif hin sodaachisu?
11. Karoora isa hamaa keessa yeroo nyaataa ykn boqonnaa ga'an jiraa?
12. Mana Barumsaa keenya keessatti qu’achuudhaan waan haaraa fi fayyadaa qabu kan qophii dhumaatiif isin gargaaru barataniittuu?
13. Michummaa fi walitti dhufeenya dhuunfaa Kiristoosii wajjin qabaachuun yeroo qormaataa keessatti nu gargaaraa?
14. waan dhuga baatuun dhugaan Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti gorsu yeroo hundaa bitachuu karoorfattaniittuu?
15. Humna dukkana fi hamminaa wajjin Waraana dhumaa gochuuf jaalalli na barbaachisaa? Yoo eeyyee ta'e, maaliif?