Andrey Karpekin / Kitaabota🌐 Afaan biraa

Misirroon Kiristoos Eenyu?

Dubbisi

Fayyisaan keenya cidha gaa’eelaa wajjin qabaachuuf kan karoorse misirroo qabaachuu isaa Macaafni Qulqulluun ifa godha. Mata duree kana irratti hiikni fi yaadni wal xaxaan guddatanii fi dinqisiisaa ta’anii nama gammachiisan jiru. Waaqayyo Waaqa sirna qabeessa, wanti inni fayyina keenyaaf raawwatu hundumtu hubatamuu fi fudhatamuu kan danda'uudha. Yeroon ani garee warra namoonni kun eenyu akka ta’an maqaadhaan dhaga’uu barbaadanii misirroon Kiristoos eenyu akka ta'e kallattiidhaan gaafatame tureera. Anis gareen kun warra lakkoobsa 144,000 keessa seenan akka ta’e nan yaade. Amalli qajeelummaa namoota kanaa ibsu ulaagaa Waaqayyoo hundumaa wajjin kan waliigalu ta'uu isaa, sabni yeroo dhumaa kun qulqullummaa hafuuraa fi amalaan addaa ta'uu isaa nan hubadhe. Misirroon Kiristoos ibsa fakkeenyaa ulaagaa waaqa haaraa ta'uu yeroo hubannu, waa’ee kanaa utuu hin goolabin dura fakkeenyonni kun maal akka ibsu hubachuun barbaachisaa dha. Caasaan yunversii hin kufinii hundumtu qajeelfama maatii fi walitti dhufeenya maatii isa waaqummaan, Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqulluun jiraatota hundumaaf uumaa ta’e irratti hundaa'ee jira. Sadarkaadhaan qoqoodamuun kun Waaqummaa hundumtu ergaa murtaa'aa qabaachuu ifa godha, qaamni waaqummaa kunis uumama uumuu, bulchuu fi fayyisuu keessatti gochaa murtaa'aa tokko raawwata. Haati manaa ykn misirroon walitti dhufeenya cimaa qormaata keessatti qulla’aa fi jabaataa adeemuu malee cabuu hin dandeenye kan argisiisudha. Samii irratti gargar ba'uun (wal hiikuun) hin jiru. Murtiin namoonni walitti dhi’aatan lamaan abbaa manaa ykn haadha manaa ta’uuf godhan walitti dhufeenya Barabaraata'ee bara baraan mirkanaa'a. sirna cidhaa booda misirroon haadha manaa dhirsa misirroo ta’uun ishee erga labsamee isaa wajjin foon tokko ta'u. Misirroo Kiristoos ta’uun warra mataa isaaniitiin misirroo ta’uu barbaadaniif utuu hin taane kan warra haala irratti hundaa’uudhaan filatamanii qofaadfha. Ani ishee ta'uu nan danda'a, garuu amanamummaa dhabuu kootiin ulfina kana dhabuu nan danda’a. Kitaaba raajii Isaayaas keessatti Gooftaan mataan isaa Dhirsa jedhee of waamuu isaa dubbifnaa: "Inni si uume akka abbaa manaa siif in ta'a, maqaan isaas Waaqayyo gooftaa maccaa ti; inni si fure isa qulqulluu kan Israa'el, inni guutummaa biyya lafaatiif Waaqayyoo dha" Isa. 54:5. Kun tilmaama qofa utuu hin taane, jecha Waaqayyo ittiin saba isaatti dubbatuudha. Warri bara darbee fayyani yommuu cidhaa dhufanii 144,000 qofa fuudhamanii warri hafan keessummoota qofa ta'an maal akka dhaga'an yaadaa. Yeroo sana gaaffii baay'een deebii qajeelaa kennuun rakkisaa ta’etu Yesuusiif dhiyaata jedheen yaada. Dhirsichi mataan isaa haala hundumaan isa gammachiiftu filachuuf mirga qabaachuu fi waa’ee kanaaf namni tokkollee hinaaffaa fi guungummii qabaachuu kan hin qabne yoo ta’e illee, garuu karaa baay'ee kan wal hin simnee fi heertuu Macaafa Qulqulluu hubachuun baay'ee rakkisaa ta'a. Tokko ibsa misirroo Kiristoos keessatti ifaa dha, innis nama tokko utuu hin taane garee namootaa ta'uu isaati. Mul. 21:9 itti fufnee yommuu dubbifnu, fakkeenyaa misirroo hoolichaa magaalaa ishee samii irraa Waaqa biraa gad buutu ta’uu argina. Manni fi ijaarsi lubbuu hin qabne haadha manaa Hoolichaa ta'uu hin danda'u. Haala kana keessatti nu barbaaduu fi lubbuu isaa nuuf kennuun hin barbaachisu ture. Kun fakkeenya saba Waaqayyoo warra qulqulootaa warra Gooftaan ofii isaatii garaa isaanii keessa jiraatuudha. Kanaaf misirroon Kiristoos eenyu, qooqa namummaatiin ishee moggaafnee hiikaa dhuunfaa itti kennuun ni danda'amaa? Eeyyee, ni danda'ama. Misirroon Kiristoos fedhii namoota fayyanii fi jijjiiramanii, kan dhiirotaa fi kan durbootaati. Misirroo kana Gooftaan baay'ee jaallatee du'a barabaraairraa fayyisee, bara baraanis kan isaa godhachuu hawwa. Gaaffii kana akkasitti hubachuudhaan, wanti hundumtu ifaa, haqaa, qajeelaa fi hawwataa ta'uu namni ni arga. Ani lakkoobsa warra filatamanii fi ayyaana cidhaaf affeeramanii ta'ee yeroon seenu keessummaa fi misirroo Kiristoos nan ta'a. ayyaaneffaan kana irratti faayii koo quncee muka talbaa isa qulqulluufi adii qulqulummaa qulqullootaat. Mul. 19:8-9. Sirna gaa’ela ilma isaatii qulquloota hundumaa wajjin utuu hin raawwatin dura Waaqayyo Abbaan Ilma isaa isa jaalatamaa gaaffii kana gaafata jedheen yaada: "Yesuus, misirroo kee kana haadha manaa kee gootee fudhachuu in feetaa?" Hoolichis deebisa: "Eeyyee, nan fedha!" Ergasii Abbaan fedhii warra baroota hundumaa keessaa fayyanii gaafata: "misirroon ilma kootii, haadha manaa Kiristoos taatanii bara dhuma hin qabneef isa waliin tokko ta'uu fedha keessanii?" afaan warra dhiiga Kiristoosiin bittaman hundumaa keessaa "Eeyyee, nan fedha!" kan jedhu deebiin gabaabaa garuu sagalee ol guddaatiin dhaga’ama. Lubbuu waan faallaa dubbattu tokkottillee hin jiru. Kana booda Waaqayyo Abbaan harka isaa ol kaasee yunversii guutummaa duratti abbaa manaa fi haadha manaa akka taane labsa. Uumamni samii hundumtu "Ameen!!!" jedhu. Cidhi kun maaliif amma raawwatamuu hin danda'u? Fedhiin koo filannoo biliisaa qabaachduuhaan, abbaa manaaf amanamuu dhabuu yeroo jalqabuu diina lubbuu, addunyaa kufe ykn namummaa moofaa koo wajjin walitti dhufeenya gaa’eelaa seeraan alaa keessa yeroo seenuu jalqabuu balaa guddaatu jira. Isaan walitti dhufeenya akkasii hin didan, ani Kiristoosiin tuffatamee haala akkasii keessatti yoon dhiphadhe illee dhimma hin qaban. Yeroo waraanni fedhii kootii sammuu koo irratti godhamaa jiru, Gooftaan tokkoo tokkoo keenya qoree warra amantoota ofiif qopheefata Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti inni biyya lafaa kana irratti karoora fedhii koo mo'achuu labsee gama isaatiin kakuu isaa hundumaaf amanamaa ta’uu isaa fi anis waan inni dhiyeesse argachuu koof wabii kan ta’u fakkeenya qubeelaa kaadhimannaa naaf kenna. Hiikni fakkeenyota Mul. 3:18 keessaa yoo ofii kee guutummaa naaf kennite, guutummaa ofii koo argatta jechuudha. Caalaa fi hiruu hin qabu. Daldalli akkasii cidhaa duras fi boodas walitti dhufeenya maatii hundumaa keessatti haqa qabeessa. Dhirsi misirroo misirroo ishee kan isaa taate waliin maal hojjechuu fedha? Fedhiin koo ammallee gara Kiristoositti wallaansoo godha, akkkasumas abbaa manaa ishee akka ta’uufis gaafata. Erga fedhiin namaa heeruma malee jiraachuu hin danda’u ta’ee, inni murtii kana fudhachdhaauun bakka kana haala irratti hundaa’udhaan qabata. Garuu amma, biyya lafaa keessa yeroon jiraadhu, abbaa manaa biraa filachuu nan danda'a, Gooftaanis murtii kana ni kabaja. Sammuun koo nama biraa hin barbaadu ta'us, garaan koo miira koo isa dhugaa fi walitti hidhatiinsa koo ifatti dubbata. Yesuusis kana ni hubata. Garuu yommuu qormaanni fedhii koo hundumtu darbu, Warra Uumamee hundumaa duratti kan Kiristoos ta'uu ishee, qormaata ibiddaa fi du'a durattillee isa nama birootti hin jijjiirre mirkaneessite, yeroo sana Gooftaan hawwii lubbuu kooa deebisee abjuu isaa hundumaa walitti dhufeenya hawwataa kana keessatti raawwata, tasuma wanti tokkollee nu gargar baasu akka hin jiraanne. Kun taatee ajaa'ibsiisaa afaan keenya inni dadhabaan ibsuu fi sammuu keenya hubachuu hin dandeenyedha. Cidhi gaa’elaa kun ni raawwatama, wanti xuraa'aan ykn fobnis itti hin galu. Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu 1. Ifa boqonnaa kana keessatti Far. 1:1-2; Rom. 7:2-6; Mat. 22:2-14; Mul. 19:7-9; 21:2-3,9-11,22-23; 22:17; Yes. 54:5-7; 62:4-5; Sir. 4:7-16; 7:11; Yoh. 3:29-30; Efe. 5:17 dubbisaa. 2. Macaafa Qulqulluu irraa heertuun biroon yaadatti isin dhufan maal fa'i? 3. Boqonnaa kana irraa maal hubattan? 4. Wanti haaraan boqonnaa kana keessatti isinitti mul'ate maal? 5. Misirroon Kiristoos eenyu? Akkamitti hubattu? 6. Gooftaan walitti dhufeenya saba isaa waliin fakkeenya dhirsa misirroo fi misirroo maaliif godhe? 7. Walitti dhufeenya gadi fagoo Gooftaan ammas ta’e bara baraan nu waliin qabaachuuf karoorfate in hubattuu? 8. Cidha gaa’elaa kana booda misirroon maal taati? 9. Karoori Waaqayyoo tokko tokkoo keenyaa fi warra fayyina hundaaf qabu isin dinqisiisaa? 10. Cidhaa booda haati manaa sadarkaa abbaa manaa in fudhattii? Itti gaafatamni haaraan cidhaa booda dhufu maal fa'i? 11. Fedhiin keenya bilisa fi kophaa ta'uu dhiisee kan nama tokkoo ta’uu kan inni qabuuf maaliif? 12. Fedhiin keessan amma eenyuun bira jira? 13. Gooftaan cidhaa isaa Dhufaatii isaa Lammaffaa booda gochuuf maaliif karoorfate? 14. Akka yaada keessanitti, sadarkaan niitii Kiristoos warra samii biroo irraa nu addaan baasaa? 15. Barnooti kun isin fayyadeera?