Guutummaa
Dubbisi
Duwwummaan homaa miti. Inni bakka duwwaa dha. Bakka Waaqayyo hin jirre, kan dukkana'ee fi diilallaa’eedha, abdii jireenya bara baraaa kan hin qabnedha. Bakka Waaqayyo itti dhufu, Hafuura Qulqulluu isaatiin itti argamu, bakka inni hiika, ifaa fi jaalalaan guutuudha.
Guutummaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabaachuu dha. Yaada, miira fi hojii namaa fedhii Waaqayyoo wajjin walsimsiisuudha. Sadarkaa hubannootti waaqessuudhaan Waaqummaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi uumaa kabajuu dha.
Waaqayyo addunyaa kanaa fi warra keessa jiraatan hunda ofii isaatiif uummate. Lubbuu hafuura baafttuu fi yaaddu hundumaa keessa fedhii isa waliin walitti dhufeenya qabaachuu kaa'e. Addunyaan hafuuraa beekumsa Waaqayyootiin guutamtee jireenyaaf hiika kennuuf akkasitti hundeeffamte.
Yesuus hiika kana Yoh. 17:3 keessatti akkas jechuudhaan kenne: " Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya barabaraati"
Yeroo dhumaa keessatti duwwummaa fi Waaqayyoon malee ta'uun waan hundumaa keessa akka jiraatuu, baay'inaan addunyaaf akka dhiyaatuu Gooftaan beeka, kun immoo saba Waaqayyoo keessattillee rakkoo guddaa ta'uu isaa beeka, sabni Waaqayyoo immoo karoora Waaqayyootiin addunyaaf guutummaa fi madda jireenyaa dhiyeessuu qaba.
Ergaa Laa’odiiqeyaa Mul. 3:14-22 keessatti Dhuga baatuun Amanamaan rakkoo yeroo keenyaa dubbata, inni Karaa ba'umsaas ni dhiyeessa malee bu’aa’ummaa irratti hubachiisuu qofaan hin dhaabbu..
Lakk. 18 Waaqayyoon beekuu keessatti karoora guutummaa Waaqayyoo of keessaa qaba. Gooftaan meeshaalee barabaraanuuf dhiyeessuudhaan, isa argachuun kan barabaraafi amala keessa seenuu akka qabu waan yaadachiisu fakkaata. Nyaata yeroo tokko nyaachuun jireenya guutuuf ga'uu hin danda'u. Yeroo hundumaa nyaannee jiraachuuf uumamne, yoo kana ta'uu baate beelaa, dadhabbii fi du'atu dhufa. Buddeena jireenya hafuuraa gorsa Dhuga baatuu amanamaa irraa bitamuuf dhiyaatu ilaalchisee Waan walfakkaataa dubbachuu dandeenya. Namni bu’aa’aan yeroo tokko Yesuus wajjin daldala keessa seenee, guutummaa Waaqayyoo guutamee eebbamee jireenya guutuuf ga'adha jedhee yoo yaade, ammas qabbanaa’ee bu’aa’aa ta'a, garuu muuxannoo daldalaa yeroo muraasaa wajjini. Isaan Gooftaan hammam gaarii akka ta’e, akkam waarqaan samii jireenya isaanii hammam duroomsuu fi jijjiiruu akka danda'u yeroo tokko dhandhamaniiru. Garuu addunyaan keenya qabbanaa ta’uu fi dukkana keessatti qoramuu hin dhiisu, kana mormuuf immoo madda ibiddaa fi ifaatu barbaachisa, yoo kana ta'uu baate ni qabbanaawaa ni diilallaa’as. .
Namni jabaan ta'e illee bara baraan haala qabbana keessa yoo kaa'ame, yeroo tokko humni isaa keessaa ni dhuma, akkuma addunyaa naannoo isaatii qabbana'e ni ta'a.
Karoori Waaqayyoo ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti ibsame, Kiristiyaanni bu’aa’aan haala isaa dhugaa hubatee, gorsa Yesuus keessatti waan dhiyaate fudhachuufi isa waliin daldaluu barabaraaseenuun, bitachuu waan dhiyaate keessatti jabaatee duraan akkamitti akka jiraachaa ture gaabbuu dha. Hordoftoota akkasiitiif Yesuus guyyaa guyyaadhaan irbaata galgalaatiif dhufee beekumsa fi kennaa argatan akkamitti akka itti fayyadaman ni barsiisa.
Guutummaan ergaa Laa’odiiqeyaa alattis ta'uu danda'a. Namni yeroo hundumaa Waaqayyoo barbaaduu fi isa waliin walitti dhufeenya qabaachuu hin dhiisne, Buddeenaafi Bishaan jireenya argachuun jiraataa ta'a. Gorsa Laa’odiiqeyaa keessatti garuu Yesuus guddina hafuuraa dabalataan dhiyeessa. Kun akka akademii waraana hafuuraa sadarkaa ol'aanaa yoo ta'u, barattaan Kiristoos dandeettii mo'ataafi kan mo’eargachuun mo'ataa ta'a.
Waraanni yoo generaala ta'uu barbaaде, tajaajila dirree keessatti sadarkaa sargantummaa ol'aanaa qofa ga'uu danda'a. Gaaffii ol ka'uu dhiyeessuu, praapooshii baratus, yoo itti fufee baratu, mana barumsaa waraanaa seenee ofisera gadaanaa ta'uu danda'a. Barnoonni argate sadarkaa leenjisaa hanga ga'utti isa gargaara. Guddina dabalataa argachuuf garuu akademii waraanaa keessa dabarsuu qaba, ergasii generaala ta'ee marshaala illee ta'uu danda'a. Sirni barnootaa waraanaa garee waraanaa gadi aanaa irraa gara ol'aanaatti saffisaan ce'uun hin danda'amu.
Sagantaa mo'ataa ta'uuf barsiisuu dhiyeessuu, Dhuga Baatuun Amanamaan tattaaffii malee hundumtu mo'ataa akka Waaqayyo nama yaade ta'uu akka danda'u hin barsiisu.
Ofuma keessan yaadaa, Yesuus irraa jaalala bituun yeroo tokko keessatti nama jaallataa ta'uu hin dandeessan. Amala moofaa baay'ee dhiisuu qabdu, aadaa barbaachisaa hin taane baay'een guddina keessatti ni dhoorka. Xuwwee xuraa'aan sirriitti dhiqamuu qaba, bishaan qulqulluu kaa'uufi itti fayyadamuuf dura.
Tajaajila waraanaa seenuun baruu dhiisuu hin danda'u, adabbii ulfaataa malee. Sirni barnootaa waraanaa kana daangessa. Manni barumsa Kiristoos irra laafaa dha, fedhii koo ni ilaalama. Fedhii fi filannoo koo waliin waliigala. Garuu innis waraana waan ta'eef barattootni isaa beekumsa gatii qabeessaa argachuufi hojiirra oolchuu keessatti of too'achuu eega.
Dirree waraanaa irratti baranna. Addunyaa hafuuraa keessatti bakki nagaa hin jiru. Sab-namaa irraa fagaatee illee namni kophaatti hawwii mataa isaatii fi diina lubbuutiin hordofamaa goowwomfama. Qabsoo kana keessatti mo'achuuf meeshaa waraana hafuuraa mo'ataa ta'uun hidhachuu barbaachisa. Meeshaan kunis kan Dhuga Baatuun Amanamaan Mul. 3:18 keessatti akka bitannu nuuf dhiyeessu.
Gooftaan nu keessa ofii isaa kaa'uu qofa utuu hin taane, akka baay'ina Waaqummaa namoota birootiif gammachuun qoodnu nu guutuu barbaada.
Kutaa keessatti ibsni yoo qabamu, yeruma sana ifaan guuta, garuu ifa laafaan waan naannoo hundumaa ibsuuf hin gahu. Kanaaf aduun barbaachisa. Ooyruu koo obaasuu liitrii muraasatu gaha, garuu oyruu naannoo hundumaa obaasuu muraasa. Kanaaf roobni jabaan barbaachisa. Gooftaan akka na jaalatu hubachuuf amantii kooa fi dubbii jaalala Waaqayyoo dubbisuu qofa barbaada. Garuu addunyaa naannoo jaalala hubachiisuuf kun xiqqaa dha. Humna Hafuura Qulqulluuti barbaachisa.
Waarqaa ibiddaan qulqullaa'e, uffata adii fi qoricha ija bitachuu nuuf dhiyeessuu, Fayyisaan fakkeenyota kana keessatti guutummaa karoora ofii, hafuura hammeenyaa samii jalaafi addunyaa kana irratti injifannooguddaatiif nu kenna.
Sagantaa barnootaa Waaqayyoo malee dirree waraanaa irratti generaala hafuuraa ta'uun hin danda'amu.
Waraanni kamiyyuu dandeettii isaa lola keessatti shaakaluu, ogummaa lolaa barachuu fi waldhabiinsa naannoo keessatti mo'ataa ta'uu danda'a. Garuu fakkii guutuu lola bifa dirreerratti arguu hin danda'u, humna waraanaa guutuu deeggarsa malee diina guutummaatti mo'achuu hin danda'u. Waraanni kamiyyuu diina guutummaatti mo'achuu, waraana idileerraa kaasee ol'aanaa hanga ga'u mo'ataa ta'a.
Walitti dhufeenya daldalaa nuuf dhiyeessuu, Yesuus tajaajilaa fi barnoota Mo'ataa loltuu keessatti nu affeeraa jira. Waraana kana keessatti duraan mo'ateera, garuu dirree lola keenyarra loltoota ogummaa qabaachuu fi meeshaa waraana baay'ee waaqayyootiin diina irratti injifannoo argachuu akka barbaannu.
Meeshaa waraana lafaa irraa adda ta'ee kan Waaqayyoo hin diiguu, ni ijaara, ni fayyisa, ni haaromsa, ni kaasa, ni onnachiisa, yaada haaraa hojjechuuf ni balali'a. Guutummaan Waaqayyoo garaa gammachisa, nagaa fida, jireenya ifaa fi jaalala dhihoo fi fagoo hundaaf, firoota fi diinota hundaaf guuta.
Wanti nama ajaa'ibsiisu Gooftaan haala bu’aa’aa keessaa ba'umsaa akkam of gad qabuun akka nu dhiyeessu. Waan gaarii ta'e nu gorsa. Dhiibbaa malee garaa laafaan. Guutummaa isaa nu irratti hin buusu, garuu gadi of qabuun eega.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. Ifa boqonnaa kana keessatti Qol. 1:19-20; 2:8-10; Yoh. 1:16; Yer. 29:11; Mul. 3:18; Fak. 14:12; Far. 15:11; Efe. 1:19-23; 3:16-19; 5:18; Yaq. 1:2-4 dubbisaa.
2. Heertuun biroon Macaafa Qulqulluu keessaa yaadatti isin dhufan maal fa'i?
3. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
4. Guutuu ta’uu jechuun maal jechuudha?
5. Guutuu ta’uu akkamitti argachuu dandeenya?
6. Akka yaada keessanitti, ergaan Laa’odiiqeyaa yeroo keenya keessa barbaachisaa dhaa?
7. Fakkeenyota Mul. 3:18 keessaa guutummaa dhiyaate argitanii?
8. Meeshaalee samii dhiyaatan keessaa guutummaan maaliin ibsama?
9. Maaliif Gooftaan nu waliin daldaluu yeroo murtaa'aa utuu hin taane barabaraa qabaachuu barbaada?
10. Namni amanaa guutummaa Waaqayyootiin guutamuu ni danda'aa? Akkamitti?
11. Namni bu’aa’aan nama bu’aa’aa haala bu’aa’aa keessaa baasuu ni danda'aa?
12. Akka yaada keessanitti, waadaan Mul. 3:21 keessaa warra gorsa Mul. 3:18 keessaa tuffatan irratti raawwatamaa?
13. Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti haala saba Waaqayyoo qofa utuu hin taane karaa ba'umsaas kennamuu hubachuun barbaachisaa dhaa?
14. Ragaan Dhuga baatuu amanamaa keeyyata 14 hanga 22tti guutummaa ergichaa keessatti argamaa, moo keeyyatni barbaachisaafi kan hin barbaachifne jiraa?