Yoo Ati Naaf Bante, Ani Siif Nan Bana
Dubbisi
Dubbiin Waaqayyoo waadaa Waaqayyoo baay'ee of keessaa qaba. Isaan kun haala irratti kan hunda’anii fi haala irratti kan hin hundoofne jedhamee qoodamuu danda'a.
Waadaan haala irratti hin hundoofne yeroo Waaqayyo murteesse keessatti raawwatama. Amantii koo, amala koo, lammaffaa dhalachuu koo haaraa irratti hin hundaa'u. Raawwiin isaanii guyyaa fi yeroo Waaqayyo murteesse irratti qofa hundaa'a. Waadaan akkasii jalqabbii yeroo murtii, Dhufaatii Kiristoos isa Lamaffaa, mootummaa waggaa kumaa, dhangala'uu dha’iichoota dhumaa torbanii, murtii cubbamootaa, badiisa cubbuu isa dhumaa of keessatti hammata.
Waadaan Waaqayyoo inni haala irratti hundaa’uu kan raawwatamu yoo ani ykn nuyi haal duree waadaa sana keessatti ibsame guutneedha. Fakkeenyaaf, Mat 7:7-8 yoo dubbifine "Kadhadhaa isinuf in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama" jedha.
Kunuunsi Waaqayyoo naaf haal duree malee malee itti fufa. Onneen koo amala koo irratti utuu hin hundaa’in dhahata, qaamni koos utuu ana hin mariisisin waan hojjechuu qabu beeka. Qilleensi Lafaa gaasii jireenya kootiif barbaachisu of keessaa qabaachuu ittuma fufa.
Garuu humna cubbuu irraa fayyuun hundumtuu filannoo koo fi murtii fedhii kootii wajjin walqabata. Waaqayyo fayyinaa eebbaa salphaadhumatti hin raabsu, garuu hamma ani argutti, hamma ani hubadhuu fi fudhachuuf hawwutti na eega. Kennaa tokko tokko kutannoodhaan Kiristoosiin gaafachuun qaba. Waan tokko tokko garuu yoo kadhaadhe iyyuu gonkumaa argachuu hin danda'u. Kun kan ta’u yeroo Waaqayyo kennaan akkasii lubbu koo kan miidhu ta'uu isaa arguudha.
Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti Gooftaan warra injifataniif teessoo isaa kennuuf waadaa gala. Duraan yeroo Laa’odiiqeyaa keessatti waadaan kun mirga kooti jedheen yaade, sababni isaa ani dhalootaa haaraa ta'eera. Waan biraa yaaduu illee hin dandeenye.
1Yoh 5:4-5 dubbisaa: "Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo' amu kunis amantii keenya. Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a." Ani kan mo’eta'uu koon hubadhe. Garuu yeroon ergaa Laa’odiiqeyaa gadi fageenyaan qo'adhu, yeroo dhumaa keessatti kan mo’eta'uuf amantiin koo gahaa akka hin taanen hubadhe. Ergaa kana keessatti ulaagaa Kiristoos ibsee hubachuu fi raawwachuu na barbaachisa. Meeshaa durii fayyadamuudhaan kana irraa darbee maqaa aankii warra mo‘atanii gaafachuu hin danda'u. Gooftaan fedhii koo malee kennaa isaatiin na eebbisuu hin barbaadu ykn wallaalummaa fi ergaa kana hubachuuf yeroo kennuu dhabuu kootiin deebii kenna. Yoon qo'adhe, fudhadhe, waan inni dhiyeessu hundumaa raawwadhe kan mo’eta'a, ykn meeshaa fi ulaagaa isaa malee hundumaa mo'uu akkan danda'u murteessa, dhumarratti waldhabdee kufee eebbama waadaa godhamee hundumaa dhabaa.
"Kan mo’e" jechuun maal jechuudha?
Jecha kana sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Yoon ittisa qofa keessa jiraachuudhaan haleellaa diinaa milkaa'inaan deebise gonkumaa kan mo’ehin ta'u, daangaa koo keessatti ittis lubbuu kootii qofan ta‘a. Kan mo’eimmoo - nama dhiibbaa godhu, jireenya isaa balaaf kennee diina qabee hidhuudhaan bakka haaraa fudhatuudha. Injifannoo booda bakka qabate irratti aangoo hundeessuudhaan haala too'achuu itti fufa.
Yoo meeshaa waraanaa injifannaaf barbaachisu hin qabaanne, lola tokko tokko injifachuu nan danda'a, garuu dhumarratti waraana guutuun nan kufa. Sababiin isaa diinni lubbuu loltuu ogummaa qabuudha, loltoonni isaa meeshaa haaraa yaada koo caalu qabu.
Gooftaan eenyu wajjin akka lollu beeka, kanaafuu duraan qophii waldhabdee guddaa kana hundumaa ilaalera. Inni meeshaa waraanaa isaa guutuu Laa’odiiqeyaaf dhiyaate kan fudhatuuf mo’icha abdachiise.
Yesuus balbala akkan banuuf na gaafachuudhaan seenee na wajjin irbaata akka nyaatu, anis isa wajjin akkan nyaadhu na mirkaneessa.
Tooftaa namatti toluudha. Haasaa michummaa gochuudhaan irbaata qabna, yeroo kana immoo garaa koo keessatti injifannoo guddaatu ta'a. Sammuu koo in qulla'a, garaan koo in jijjiirama, hafuurri koo du'aa ka'a, manni koo in qulla'aa, fedhiin koo Hiriyaa koo isa jaalatamaa wajjin walitti maxxana.
Michumman keenya kanaan hin daangeffamu. Akkuma yeroo baay'ee waliin dabarsinuun haasaan keenya hawwataa ta'aa deema.Yeroo tokko Gooftaan koo gara balbala banamaatti na geessee, caalaatti balísee naaf banee akkan seenuuf na affeera. Anis dinqisiifannaan hojii isaa ilaala. Yeroo tokko Yesuus Filadeelfiyaatiif balbala bane, garuu kosii bilaashummaa fi dhibaa’ummaatiin haguugamee argaa duraa bade. Gooftaan garuu hoolota isaatiif balbala ta'uu isaa mirkaneessuudhaan akkan seenuuf na affeera.
Fuula koo duratti carraan jaalala daangaa hin qabnee isa dinqisiisaa bana. Galaana dhuma hin qabne, ifa, gammachuu fi nagaa daangaa hin qabne. Ani "Cubbamaa kanatti araarri akkasii maaliif?" jedhee gaafadheen Yesuusiif balbala banuu koo arga. Waan tokko hubachuun jalqaba. Hariiroon keenya in fagaate, Yesuusittis nan maxxane, Gooftaan bareeddina fi humna amala isaa mulísuudhaan jaalala isaa keessatti gadi fageenyaa na hirmaachisuuf murteesse. Attam namatti tola! kana yaaduu illee hin dandeenye. Kiristoos mataan isaa addunyaa lubbu isaatti na barsiise, anis jaalala qulqulluu kana argeen guutummaa isaa dinqisiifadhe. Balballi kun yeroo hundumaa nama hundumaaf banaa ta’u illee, warra fo’aman qofaatu, balbala isaanii warra banan qofaatu seenuu danda'a.
Ol ilaaleen foddaa samii isa ijoollee waaqayyoo warra abboomamanii fi amanamaniif eebba dhangalaasuuf banamen arge.
Hiriyaa akkasii wajjin ta’anii baduun akka hin danda'amnen hubadhe. Inni dhugumaan mo‘ataadha. Namoonni hamoon baay'een isaanii galaana jaalala rukutuu yaaluu isaaniin arge, rukuttaa isaanii jalatti gadi bu'ee, sana booda ol isaanii irraa buqqifamee, bishaan isaa keessatti qaalliiwwan cubbuu liqimsa, jireenya haaraa qulqulluu jalqabuu isaaniif dhiyeessa. Garuu ifa kristaalii bal'aa sodaatanii baay'een sodaadhaan baqatan. Foddaa samii keessaa bishaanni attamitti dhangala'ee, warra hamoota akka fuudhee fi mana qajeelotaa immoo gammachuu attamiitiin akka guuteen arge. Hundumtuu akkamitti walfakkaataa hundeeffame. Jaalalli mo’icha guddaa akkamii argata!
Maaliif miidhaginni jaalala kun ija keenya duraa dhokatee muraasi qofaan isa arguu danda'ee? Garuu kun hundee wal’aansoo isa guddaati – innis garee eenyuu taée waraana kana akka geggeessu namni murteefachuu qaba. Jaalalli bilisummaa koo ni kabaja.
Waan naaf dhi’aate Kiristos irraa bitachuudhaan isa keessaan samii hundumaa argadha. Mana kootti Gooftaa seensisuu fi balbala koo isaaf banuudhaan, Bulchaan jireenya kootii eenyu akka ta'e fi lubbuu koo eenyuuf akka taate addunyaa hin mul'anne hundumaatti agarsiisa. Kiristoosii wajjin hariiroo gaa‘elaatti seenna, innis ana irraa iccitiin hin qabu. Inni guutummaatti ofii isaa anaaf banaa godha. Garuu ani nama gadadamaadha! Sammuu daangeffamaa kanaan miidhaginaa fi humna kana hundumaa akkamittan fudhachuu fi qabaachuu danda'a? Waaqayyo qofatu natti mulísuu fi naaf kennuu danda'a.
Balbala banaa seenee achi turuun barbaada. Garuu Gooftaan yeroon ammallee hin geenye jedhee natti hima, lubbuun hundumtuu diina harkaa hin baane, daangaa hundumaa irraa alaabaan jaalalaa amma illee hin dhaabbanne. Amma illee hojiin hojjetamuu qabuu fi lolli xumuraa injifatamuu qabu jira. Ani itti Waligaleen jaalala uffadha. Sammuu koo bishaan jireenyaa kennu keessa lixee humna fi aangoo isaa fudhata.
Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.
Ani Jaalalan uffadha. Meeshaa waraanaa akkam namatti toluudhaa! Humna fi dandeettii isaa hubachuu barbaachisaadha. Kun Saayinsii guutuu ani ammallee hubachuu qabuudha.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti Yaaduu
1. Boqonnaa kana keessatti waan haaraa dhageesaniittuu?
2. Mana koo fi Yesuusiin keessatti "Balbala banaa" jechuun maal jechuudha?
3. Akkamittan mo’ataa ta'a?
4. Warra lola hafuuraa keessatti hirmaatan hunda utuu hin taane warri injifatan qofti maaliif badhaafamu?
5. Lolli hafuuraa jireenya dhugaa keessatti akkamitti mul'ata?
6. Eenyutu waraana kana keessatti mo'ame? Isa keessaa tokko ta'uu kan hin wayyineef maaliif?
7. ifa boqonnaa kanaa keessatti Ef. 6:10-13; 2Qor. 10:3-6; Mul. 3:7-8; 21:7; Yoh. 10:7-10 dubbisaa.