Andrey Karpekin / Kitaabota🌐 Afaan biraa

Santimeetira 40 Hanqate

Dubbisi

Karaan dhiphaan gara samii geessu keessaa kutaan irra rakkisaa fi dabruu hin dandeenye gabaabaa dha. Yoo meetiraan safarame, santimeetira 40 ta'a, hordoftoonni Kiristoos baay'een dabruu hin dandeenye ykn hin yaalle, karaan rakkisaa akkasii humna isaanii ol ta'uu isaa fi Gooftaan ofuma isaatii bakka ga'umsaatti isaan geessuu akka qaba amanu. Karaan kun gurra koo mirga fi bitaa gidduudhaa jalqabee gara onnee kootti deema. Santimeetira 40 qaama keessatti baay'ee miti, garuu safara hafuuraa keessatti sodaa, aadaa, rakkoo, yakka yaadachuu fi dirqama, sobaa, of jaallataa, of tuulummaa, of qofa yaaduu fi kosii biroo humna hamaa keessaa guutamuu danda'a. Karaa gabaabaa kana irratti kan kufan keessaa Luusiifer uumama isa jalqabaati. Fageenya ajaa'ibaa akkasii dabruu dhabee ammas achuma jira,. Yoo kutaa kana lafa bal'aa fi qilleensa bilisaa keessatti ilaalle, dabruu keessatti rakkoon tokkollee hin mul'atu. Garuu bakka A fi B gidduutti gidaarri furdaan, ol'aannaan gara samiitti, bal'inni isaa daangaa kan hin qabne, kan ani mataan koo ijaaru yoo jiraate, fageenya kana dabruun hin danda'amu. Yaadaa addummaa kan Gooftaan beeka, yommuu sammuun hubatu, garaan itti walii gala, fedhiin garuu waan tokko jijjiiruuf hin hayyamu. Namoota obbolummaa waldaa keessaa bahanii kophaa isaanii waan hundumaa mo'achuu akka danda'an amananii fi sirrii ta'uu isaanii nama hundumaaf mirkaneessan akkasumas caalaatti milkaa'an nan beeka. Haa ta’u malee garuu, akka ilaalcha kootti isaan kun qabbanaa'oo fi fagoo waan jiran fakkaatu, garee akkasii keessa ta'uus baay'ee hin hawwu. Namoonni akkasii dhugaa beeku, baay'ees in argu, garuu sababa tokko tokkoof isaan waliin ta’uun dukkana’aa fi kan nama hin gammachiifneedha. Isaan yeroo tokko tokko baay'ee miidhagoo, iftoomina kan qabanii fi adda kan ta'an fakkaatu, garuu dhandhama jireenya keessatti nyaatamuu kan hin dandeenye, dhandhama kan hin qabne, baay'ee kan qabbanaa'aniidha. Qajeelfamni ibidda bobba'uu namoota baay'ee biratti beekamaa dha. Qoraan walitti qabamee gammachuu fi ifaan boba’aa, garuu cilee bobba'aa ibidda keessaa baasanii cinaa yoo kaa'an, yeroo muraasaa booda ni dhaama. Yoo deebistee ibidda keessa keesse humna haaraadhaan boba'ee warra kaaniif o'aa fi ifa isaa kennuu jalqaba. Waldaa Waaqayyoo keessa namoonni yaada akkasii qabaatanii ofii isaanii wajjin wal’aansoo qabaa jiran baay'eedha. Yeroo Yesuus keessas turaniiru, isaanis barisiisota seeraa, warra seeratti cichanii fi Fariisota jedhamanii kan waamaman ta’uu isaanii beekna. Maqaaleen kun yeroo sana kan ittiin of tuulaan yoo ta'e illee, amma waanuma salphaatti fudhatamu. Waldaan Waaqayyoo ammas michoota akkasii warra santimeetira barbaachisaa 40 kana dabruu hin dandeenye qabdi, isaanis humna kan hin qabne ta’uu isaanii dhoksuuf jecha amalaa fi karaa ittiin yaadan eeggatanii ibsa adda addaa fi qajeelaa godhanii of dhiheessuu hundumaa irratti xiyyeefachuu jalqabu. Yeroo tokko tokko qajeelummaa hin fakkaatu, garuu akka yaada ykn ilaalcha dhugaatti kun hundumtu dogoggora. Ergaa Laa’odiiqeyaa keessatti Gooftaan namoota akkasii maqaadhaan isaan waama, inni waan jibbu hin dhoksu, garuu waan ija samii duratti gatii guddaa qabuu fi jireenya fi walitti dhufeenya hundumaa jijjiiru akka irraa bitataniif dhiyeessa karaa ba'umsaa agarsiisa. Dabalataanis, Dhuga baatuun Amanamaan sun warra isa waliin daldaluu jalqabaniif jaalala fi michummaa isaa itti fufuu isaa mirkaneessa. Garuu kana hundumaa keessatti dhuunfaa kootti wanti ani akka hubannu barbaadu jira. Hanqina warra kaanii ilaalanii yakka ofii isaanitti maxxansuun uumama dhala namaa waan ta'eef, ifa kana keessaatti ofii koo akka waan barbaachisaatti of ilaaleen dhugaa oollaa kootii immoo gad xiqqeessa. Yesuus mukti firii isaatiin akka beekkamu barsiise. Dhandhama firii kootii immoo salphaatti murteessuun in danda’ama. Yeroon nama tokko jaallachuu yaadee akkan jaalladhee itti himuuf ija jabaadhu namichi dubbii koo akkamitti akka fudhatuu fi walitti dhufeenyi koo isa gammachiisuu isaa irratti xiyyeeffachuun qabu. Dhugaadhumatti, namni yoo hafuura biraatiin geggeeffame jaalala Kiristoos keessatti illee waan gaarii tokko arguu hin danda'u, garuu waan hundumaa onnee (garaa) isaa isa xuraa'aa keessa gangalcha. Garuu namni kun hiriyaa kee dhiyoo kan ati jaalalaa fi michummaan walii galte yoo ta'e, jaalalaa fi michummaa kana si keessatti arguu qaba, isa irras eebba argachuu qaba. Atis waanuma akkasii shaakalta. Kun nama sirna hoormoonii si’ataa ilaalachaa gaariif deebii kennuu fihoormoonii gammachuu dhiiga keessa galchuuf hojiin kun baay’ee gaariidha. Garuu muuxannoon akkasii gaarii ta'ullee, kan yeroo gabaabaati, sababni isaas fedhiin, sammuu fi garaan jaalalaa fi michummaa irraa eebba wal irraa hin cinne barbaadu. Jaalalli sammuu hiriyaa keessatti nagaa fi michummaa uuma. Yeroodhuma sana lubbuutti qilleensi gammachiisaan itti dhaga’amee gara oliitti banamuu jalqabdi, daangaa itti nagaa argatu keessa ta'uus in barbaaddi. Yoo hiriyaan koo gaarii ta’anii utuu jiranii akkas hin gammadne gochuuf murteessan, yeruma sana tooftaan eegumsa ai’ataa ta’a, hamma karoorri dhugaan ifa ta’utti walitti dhufeenya in dhaabbata. Hundumti keenya guutuu miti yoo taane illee, yeroo hundumaa amala keessaa wanti jijjiiramuu ykn sirreeffamuu qabu jira, garuu yommuu hiriyaan jaallatan kana gochuu jalqabu, uumamni koo hundumtu kana ni morma, ani jalqaba hiriyaa dhiyoo akka kana hin godhinetti kadhadha, ergasii walitti dhufeenya daangaa inni hin seenne kaa'a. Ergasii ija hiriyaa duratti akka of deebisu, hanqina isaa mul'isuun jalqaba, namni guutuu hin taane akka ta'e hubachiisuuf. Maal irratti ga'uu dandeenya? Jaalalaafi michummaa mannaa yaada kennuu, barsiisuu fi gorsa gatii qabeessaa akkamitti gaarii ta'anii jiraachuun akka danda'amu kennuu jalqabna. "Kubbaa cabbii" walitti dhufeenya keenyaa akkasii guddaa fi ulfattuu ta'a, yommuu deemaa jiru cabbii qulqulluu qofa utuu hin taane xuraa hunda jaalalaafi michummaa jala nagaan rafaa ture of keessatti qabata. Dhugaadhumatti ani ija koo duratti yeroo hundumaa sirrii ta'a, sababni isaas waan hundumaa kakaasa jaalala koo irraa godha, hiriyaa irraa waan walfakkaataa eega. Fariisoonni namoota baay'ee gaarii turan, hiriyoota akka isaanii gaarii ta’anis qabaachuu barbaadu. Bartoonni isaanii hundumtuu kana hawwu. Sochii saba guutuu kan hundumti bakka isaanii beekanii waan biraa hin hawwine uumame. Garuu Yesuus dhufee seera namaa fi aadaa irratti baay'ee of gad qabuun ilaaluu jalqabe. Irra hamaan, "beektoota bara sanaa" ilaalchisee gaarii ta'uu hin barbaanne, addunyaaf sirna walitti dhufeenya adda ta'e dhiyeesse. Waggaa sadii fi walakkaa namootaa of jaallattoota qajeelaa barsiisa jaalala barsiisee, ergasii illee akka isaanii beekanii eegan ajaja kenne. Barattoonni jalqaba maal akka barbaadaman hin hubanne, garuu yommuu Barsiisaan hin jiraanne, Hafuurri Qulqulluun fakkeenya baay'ee walitti dhufeenya dhugaa jaalala fi michummaa keessaa isaan yaadachiise. Nuti immoo hiriyaan keenya lafaa hanga du'utti hafuura keenya dhugaa arguu fi guutuu dhabuu keenya amanuuf eeguu qabna? Wanti addunyaa kana keessaa gatii qabeessi waan nu samii waliin deemnuudha. Achitti wanti hundumtu gaariidha, qormaanni achi hin jiraatu, garuu hiriyaa jaalataa ta'uu asumatti barachuun barbaachisaa dha. Yoo ani qulqullummaa koo olla kootti mul'isuu jalqabe, walitti dhufeenya keessaa waan gatii qabeessa qajeelummaan koo deebisuu hin dandeenye dhabuu nan danda'a. Garuu yoo hiriyaa kootti jaalala koo guutuu hin taaneefi hawwii koo dhugaa waan danda'amu hundumaa isaaf gaarii gochuuf qabu agarsiise, kun isaaf irra gaarii ta'a. Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu 1. Ifa boqonnaa kana keessatti Lam. 30:11-14; Rom. 7:13-25; Mul. 3:14-22; Far. 50:11-14; 77:34-39; 138:23-24; Fak. 2:10-16; 3:5; 4:23-27; 12:23; 15:28; 17:17; 18:24; 27:17; Hiz. 36:26-27; Yaq. 3:13-18 dubbisaa. 2. Heertuun Macaafa Qulqulluu biroon sammuu keessanitti dhufan maal fa'i? 3. Boqonnaa kana irraa maal hubattan? 4. Akka Gooftaan barbaaduutti Hiriyaa jaallachuu koo akkamittan hubachuu danda'a? 5. Warra kaanitti jaalala koo dubbachuudhaan mataa koo gowwoomsuu nan danda'aa? 6. Maaliif hiriyaatti hanqinaa fi dogoggora isaa agarsiisuu hin qabnu? Fak. 17:9. 7. Jaalalli keessan garaa hiriyaa keessanii gammachiisuu qaba jettanii yaadduu? 8. Naman jaallachuuf murteessee wajjin yeroo hundumaa wal loluun sababni isaa maal ta’uu danda’a? 9. Wal jaallachuu fi diinota jaallachuu gidduu garaagarummaan jiru maal? 10. Hiriyoota keessan attamitti akka gammachiistan beektuu? Yoo beektan, muuxannoo kana qoodaa? 11. Samiin akka nuyi wal jallannu argudhaan ni gammadaa? 12. Hiriyoonni wal jaalatan illee yeroo tokko tokko waldhabuu fi walii galuu diduu maaliif qabaatu? 13. Yoo hiriyaan koo akkan yaaduutti hin yaadne, sirrii ta’uu koo isaaf mirkaneessuun qabaa? 14. Hiriyaan gaarii ta’ee utuu jiruu akkan gammadu kan hin barbaadne ta’uu isaa yoon arge maal gochuun qaba? 15. Qormaanni baay'een ifa hin taane yoo keessa jiraate, michummaa jalqabuun barbaachisaadha? Dubbistootaaf Dhaamsa: Hiriyaa jaalatamaa. Kitaaba kana dubbisuuf yeroo kee gatii qabeessa ta’e kennuu keef galatoomi. Waan haaraa tokko akka barattee fi ofii keef waan fayyadu tokko akka fudhatte abdiin qaba. Heertuun Macaafa Qulqulluu hunda akka dubbifattee abdiin qaba, yoo ammallee kun hin taane ta’e immoo Ifa boqobbaa kanaa keessatti wanta kitaaba kana keessatti dubbiste hundumaa bu'uura Macaafa Qulqulluu ta'e hubadhu. Yoo duugdeebii, gaaffii, hawwii ykn waan biraa qabaattan, karaa isiniif mijaawuun ana waliin wal qunnamuu ni dandeessu, ani immoo deebii nan kenna. Kanaaf teessoo armaan gadii fayyadamuu dandeessu: Ergaa elektronikii (email): info@otkrovenie.de Marsariitii interneetii: www.otkrovenie.de, www.karpekin.de