Andrey Karpekin / Kitaabota🌐 Afaan biraa

Dhuga baatuu Dhugaa fi Amanamaa

Dubbisi

Ergaan waldaa Laa’odiiqeyaa kan inni jalqabe yeroo "'Ergaa kana isa karaa isaa wanti hundinuu Ameen jedhamu, dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa ba'u, isa wanti Waagayyo uume hundinuu biraa ka'e sanatu erge' jedhii caafi!" jedhe ture. Mul. 3:14. Barri Laa’odiiqeyaa yeroo raajiin Daani’eel waa’een halkanii fi guyyaa 2300 raawaatamee fi firdiin waaqayyo waaqa keessatti jalqabee Kiristos immoo iddoo qulqulluu qulqulootaatti seenee qulleessuu mana qulqulummaa isa xumuraaakka jalqabae ture. Laa’odiiqeyaan Afaan Giriikiitiin "laos" – saba, "kaes" – mirga, ykn hiika biroo keessatti murtii jechuudha. Laa’odiiqeyaan yeroo sana magaala baay'ee dureessa, dhaabbata uffata hojjetu, baankii fi dhaabbata qoricha qabu waan taateef, naannoo biroo irraa bilisa ture. Bara 61 B.C. magaalli kun yommuu sochii lafaatiin barbadaa'u, namoonni Laa’odiiqeyaa gargaarsa mootummaa didanii ofuma isaanii magaala deebisanii ijaaranii booda ofitti boonuu jalqaban. Jechi Giriikii "angelos" jedhu ergamaa jechuu dha. Kana keessatti hogganaa waldaa Laa’odiiqeyaa dhugaa ta’e ykn ergamoota yeroo dhumaatiif ta'uu danda'a. "Akkas jedha..." – ajajni jalqaba yommuu Gooftaan dubbachuu jalqabu. Dubbii isaa keessatti baay'ee hin dubbatu, garuu jecha isaa hundumtu gadi fageenya fi hiika qaba, waan jedhameefillee ni raawwata. Yesuus waldaa isaatti ofii isaa ibsee maqaa baay'een of waama, maqaa hundumtu ammo yeroo seenaa namummaa kana keessatti addaan baasuun barbaachisaa ta'e ibsa. Ergamaan Yohaannis mul'ata raajii jalqaba irratti Kiristoos Dhuga baatuu amanamaa (Mul. 1:5) jedhee waame, dubbistoonni kitaaba raajii kanaa hundinuu maqaa Yesuusitti xiyyeeffannoo akka kennan. Far. 88:36-38 keessatti akkas kan jedhu dubbifna: "Qulqullummaa kootiin tokko qofa kakadheera: Daawitiif hin sobuu! Sanyiin isaa bara baraan jiraata, teessoon isaa immoo akka biiftuu fuula koo duratti bara baraan jabaatee jiraata, akka ji'aatti taa'a, Dhuga Baatuun Amanamaan samii irratti." Maqaa kana ofitti fayyadamuun, Gooftaan beektoota Kitaabaa raajii kana yaadachiise, kun immoo guutummaatti raawwatamee, amma Dhuga Baatuun Amanamaan kun bara baraan jiraata, teessoon isaa immoo akka Biiftuu bara baraanidha. Jechi Ibraayyisxii "ameen" jedhu waan dhaga'ame ykn dubbatametti walii galuu mul'isa, hiikni isaa "akkas haa ta'u" jedha. Hiikni fi sagaleen walfakkaataan Afaan Giriikii keessattis ni jira. "Dhugaa" jedhee hiikama. Yeroo baay'ee "ameen" kadhannaa booda ykn waan dhaga'ame waliin walii galuuf jedhamaa. Gooftaan maqaa kanaan of waame, jechi isaa hundi dhugaa ta'uu, humna qabaachuu fi raawwatamuu isaa hubachiisuuf. Maqaan kun dubbii Waaqayyoo hundumaa irratti chaappaa kaa'ee jijjiiramuu akka hin dandeenye taasisa. Gooftaan maqaa kana ykn kan biraa of waamuun waan sammuu isaatti dhufetti miti. Maqaa hundumaa keessatti hiika gadi fagoo kaa'e, namni dubbisu fi qo'atu gadi fageenyaa mul'ata kanaa hubatee Isa dubbiin isaa dhugaa fi amanamaadha, dhugumaan raawwatamuuf wajjin hojjechaa akka jiran hubatan. Gooftaan mataan isaa "akkas haa ta'u" yoo jedhe, akkasuma ta'a. Maqaan Kiristoos kun dubbiin Waaqayyoo waan jedhameefillee raawwachuu isaa amannu akka qabnu nu yaadachiisa. Yeroo baay'ee jechi "ameen" waan tokko xumura irratti jedhamuu, ergaa kana keessatti garuu jalqaba irratti dubbatama. Kun immoo ergaan Laa’odiiqeyaaf kenname akeekkachiisa dhumaa fi dhugaa ta'uu isaa agarsiisuu danda'a. Raajiin yeroo murtaa'e ni raawwatama. Akkuma dubbatametti guutummaatti ni raawwatama. Dhuga Baatuun – nama waan tokko argee waan arge fi muudate tokko yaada ofii utuu itti hin dabalin ibsuu danda'udha. Namni waan tokko yeroo ta'u hin argine ykn dhugaa jijjiiru immoo sobdhugeessaa jedhama. Hojii seeraa, seenaa ykn saayinsii keessatti Dhuga Baatuun madda Dhuga Baatuu isa Dhugaa tokko qofa ta'ee qorannoo karaa sirrii qajeelchuu danda'a. Gooftaan Dhuga Baatuun jedhee yeroo of waamu , "Amanamaa fi Dhugaa" ta'uu isaa irratti xiyeefata. Dhuga Baatuun isaa sobaa ta'uu hin danda'u, garuu maqaalee dabalataa kun jecha Kiristoos hundumtu waan jedhameefillee guutummaatti raawwachuu isaa nu hubachiisa. Amanamaan – nama amanamummaa eeggate kan ta'e, abdii nama hin kutisne, kan amansiisaa fi abdii guutuudha. Waaqayyo uumama isaa irraa kaasee Raawwataa waadaa fi dubbii isaa Amanamaa ta'e. Raajoonni yeroo baay'ee amala Waaqayyoo ajaa'ibaa kana – dubbii fi waadaa isaa hundaaf amanamaa ta'uu fi kaayyoo isaan dubbatamaniif guutummaatti raawwachuu isaa agarsiisan. Kanas jechuun Dhuga baatuu amanamaa irratti hirkatuun ni danda'ama, sababni isaas dubbiin isaa hundee jabaataa fi hin raafamne walitti dhufeenya itti fufuuf ta'a. Amanamummaan Waaqayyoo na keessatti amantaa uuma, kun immoo Waaqayyo dubbii isaa hundumaa yeroo inni barbaadu ykn yeroon raawwii ga'u raawwachuu isaa irratti abdii kaa'a. Dhugaan – nama dhugaa dubbatu kan ta'e, dhugummaa guutummaan waliigalu, ololaa dhugaa nama ykn waan tokko irratti jiru hunda of keessatti hammatuudha. Dhugaan sobaa ykn shakkisiisaa ta'uu hin danda'u, yoo ta'e dhugaa miti. Yeroo tokko Yesuus of waa'ee dubbii kanaan ibseera. "Ani karaa fi dhugaa fi jireenya; ana malee eenyullee gara Abbaa hin dhufu" Yoh. 14:6. Jireenya isaa qulqulluu fi seera Waaqayyoof amanamummaa qajeelaa ta'een dubbii kana mirkaneesse, du'i isaa immoo maqaalee kana bara baraan isa jalatti mirkaneesse. "Jalqaba Uumama Waaqayyoo." Maqaa kanaan Gooftaan tasuma of hin waamnne. Hiika gadi fagoo kana keessatti kaa'e. Yesuus kanaan jireenya isaa barabaraa dubbate, sababni isaas isa karaa wanti hundumtu ta'e, isa malees homtuu hin taane. Yoh. 1:1-3. Gooftaan jaalalaan akkam saba isaatti ergaa kana ergee, rakkoo isaanii agarsiisee karaa bahuumsaa kennuuf fedha! Ergaa kana keessatti jecha hundumaa yommuu qorannee, hiika gadi fagoo ergaa Waaqayyoo waldaa isaatiif kenne arganna, fedhii guddaa kutaa ishee hundumaa mo'ataa taasisuuf qabuunis hubanna. Maqaaleen Waaqayyoo ergaa kana keessatti dubbataman hundumtu hidda tokko qabu – "Jaalala". Jaalala nuuf qabuun Yesuus ergaa gaddeessaa fi jajjabeessaa kana nuuf erge, akka dhaga'annee waan inni gorsu hundumaa raawwannuuf fedhii qaba. Keeyyanni jalqabaa ergichaa waammata tokkollee yoo hin qabaanne illee, guddina fi humna Isa ergaa gaarii kanaan nu waamu nu agarsiisa. Yoo bifa Dubbataa duraan ibsame yaadannus, kun guddina qabeessaan dubbatama. Mul. 1:3 keessatti akkas kan jedhu dubbifna "Barri kun itti raawwatamu waan dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan!" Asitti namni dubbisu – inni kana isinii barreessu, warri dhaga'an – isin warra dubbistan, warri eegan – warra gurra qabanii, jecha hundumaa dubbisuun waan isaan goraman hundumaa raawwachuuf tattaafatanidha. Dhaga'tootaaf qofaatti beekumsi haaraan faayidaa hin qabu, garuu hojjetaan dubbichaa mo'ataa ta'ee badhaasa argata. Yoh. 13:17 keessatti dubbifna: " Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha." Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu 1. Ifa boqonnaa kana keessatti Mul. 19:11; 2Qor. 1:20; Yoh. 1:1-3; Far. 40:14; 71:18-19; 145:5-6; kes. 7:9; Mar. 16:20; Mul. 21:5-6; 22:13,20-21; Fak. 14:15,25; Faru. 3:22-23 dubbisaa. 2. Heertuu biroon Macaafa Qulqulluu keessaa sammuutti isin dhufe maal fa'i? 3. Boqonnaa kana irraa maal hubattan? 4. Waaqayyoo keessaa waan haaraa fi bareeda argachuun isin gammachiisaa? 5. Maqaalee Waaqayyoo biroo kam beektu? 6. Maaliif Gooftaan yeroo baay'ee maqaa haaraan of waama? 7. Maaliif Yesuus ergaa Laa’odiiqeyaa jalqaba irratti maqaa "Ameen" of waame? 8. Akka yaada keessanitti, ergaan Laa’odiiqeyaa yeroo keenyaaf ergaa dhugaa dhaa? 9. Dhuga Baatuun Amanamaan ergaan isaa xiyyeeffannoo saba Waaqayyoo hawwachuu fi nuun qo'atamuu eeggataa? 10. Akka yaada keessanitti, Gooftaan waldaa Laa’odiiqeyaa galata hin dubbatin dogoggoreeraa? 11. Ergaan Kiristoos waldaalee torba Mul. 2-3 keessatti jiru yeroo adda addaa fi bara adda addaatiif ta'uu amantuu? 12. Warra ergaa Dhuga baatuu amanamaa qo'achuu dhiisanii waan biraa qo'atan maaltu isaan quunnama? 13. Kitaaba Mul'ata qo'achuun yeroo hundumaa Mul. 1:3 fi Mul. 22:18-19 yaadachuu qabna? Dubbiin akkasii isin sodaachisaa? 14. Gooftaan namoota ergaa Dhuga baatuu amanamaa qo'achuu fi waan isa keessatti barreeffame hundumaa raawwachuu murteessan ni eebbisaa? 15. Ergaa Laa’odiiqeyaa qo'achuun isin gammachiisaa?