Ergaa Gingilfamuu Fidu
Dubbisi
Yoo ani Jarmanitti barnootaa ol'aanaa argachuuf murteesse, dhaabbata barnootaa filachuu fi galmaa’uun gahaa miti. Adeemsa seensaa kan to’atu seera addaatu jira. .
Ani ragaa barnootaa ogummaa sadarkaa lammaffaa laman qaba,, garuu kunis yuniversitii kamiyyuu seenuuf ga'aa miti. Sanadoonni koo utuu hin ilaalamin dura mana barumsaa giminaaxiyeemiitti ykn mana barumsaa leenjii ogummaatti (teekinikatti) kutaa lama dabalataan xumuruun na barbaachisa ture.
Biyya kana keessatti Paasterii ykn lallabaa ta’uuf yoon murteesse, waggootaaf miseensummaa waldaa yoo qabaadhe illee, tajaajila kanaaf hin muudamu ykn iddoon aarsaa anatti hin kennamu. Mirgi kun kan kennamu namoota mana barumsaa Jarmaniitti yoo xiqqaate waggaa lamaaf baratanii eebbamaniifi ykn irra deebi’anii leenji’an qofaafi.
Tarkaanfiin akkanaa barsiisa waldaa qulqullinaan eeguuf akka barbaachisu nan hubadha. Seerota kana irra darbuun baay’ee rakkisaadha. Haa ta’u malee barnoonni of kennuu tajaajilaa tokkoof wabii hin ta’u. Yoo namni tokko kana akka hojii gaariitti ilaale ani isaaniif nan gadda.
Gooftaan waldaa isaa yeroo dhumaatiif ergaa addaa erge, kanis Mul. 3:14-22 keessatti argamu danda'a. Ergaan Laa’odiiqeyaaf ergame kan wal qabatee deemuudha, gidduutii ykn dhuma irraa fudhachuun hin danda'amu. Lakkoofsi itti aanee dhufu tokkoon tokkoon isaa isa duraa wajjin wal qabata. Yoo ani eebba lakkoofsa 18 irra jiru hin fudhanne ta’e eebba isa lakkoobsa 21 irra jiru fudhachuu hin danda'u. yoo ani gorsaa fi ifata duraa irra darbe namni balbala koo dura dhufee rukutu ykn na waamu tokko hin jiru.
Ergaa Laawodoqiyaaf ergame keessatti nama mo’atuuf karoora bal'aan ibsameera. Anii fi hiriyoonni koo ergaa kana waggoota 7 oliif gadi fageenyaan waliin qoranne, gadi fageenyi isaa ammallee guutumaatti akka nutti hin mulanne hubanna. Ergaan kun namoota garee addaa warra amalli isaanii karaa hundumaan lakkoofsa iccitii 144,000 wajjin wal simu qopheessuuf sagantaa ibsame ta’uu isaa hubanna.
Hiikkaan milikkitoota ergaa kana keessa jiran hundumaa barnoota Mana Barumsaa Jaalala Agaapee keessatti ga’umsaan nutti mul’ifamaniiru, haa ta’u malee warra mo’an ta’uuf kun amma illee ga’aa miti. Fuula duratti ibiddi nu eeggata, kana keessa darbuus qabna. Qormaata isa ijoo ta’eef kan nu qopheessu qormaata gar tokkee adda addaa keessa darbaa jirra. Guyyaa tokko yeroon akkasii ni dhufa.
Barbaachisummaa hiika ergaa kanaa akkan qooduuf fedhii guddaadhaan garaan koo na gubata, hojii qophii irratti haala kamiinuu fedhii akka qabaataniif waanuma tokko irra dedeebi’ee namoota baay’eedhaaf yeroo hunda dubbachuun qaba.
Kanaan dura bokkaan booddee inni haala dinqisiisaatiin mallateefamuuf na qopheessu akka dhangala’uuf eegaan ture, kunis dinqiidhaan cufuudhaaf na qopheessa. Wanti ani barbaade immoo hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu qofa ture. Kun taatee baayyee barbaachisaa dha, garuu Waaqayyo karoora qophii ani bira darbuu ykn irra utaaluu hin dandeenye qaba.
Dhirsi misirroo tokko cidha isaaniin dura akka gaariitti wal baruuf kaadhimummaaf misirroo isaatiif yeroo yoo kenne, garuu misirroon sun guyyaa cidhaa qofa wal arguuf murteessuudhaan salphaatti yoo isa tuffattee misirrichi maal gochuu qaba? Tarii nama fedhii isaaf hin qabne sanaaf fedhii dhabuun isaa hin oolu
Barbaachisummaan karoora warra mo'atanii yoo naaf hin galle ta’e, gooftaan naaf ibsuuf waan danda'amu hunda godha. Garuu waan akkan hojjedhuu fi fudhadhuuf inni na gorsu fudhachuuf fedhii hin qabu taanaan, Hafuura Qulqulluu arrabsuu akka ta’e na yaadachiisa.
Ergaa Laa’odiiqeyaaf ergame qo’achuudhaan, namni tokko fedhii isaa malee goolabbii ergaan kun saba Waaqayyoo gidduutti gingilfamuu fiduu qaba jedhu irra ga’a. Warra fo’amanii fi warra badan jedhee Waldaa gargar qooduu irratti bobba’uu hin barbaadu. Ani maalis ta’u maal garuu Macaafni Qulqulluun kun akka ta'u barsiisa. Waaqayyoo fi hafuurri isaa bara baraan tuffatamuu hin danda’u.
Waan biyya lafaa keessatti ta'aa jiru ilaaluudhaan, haala bu’aa’uummaa keenyaa keessaa nu baasuuf Waaqayyo waa hojjechaa akka jiruu fi saba isaa irraa waa eegaa akka jirun hubadha. Dhugaan Macaafa Qulqulluu baay'een isaa gaarii dha, garuu amma dhugaa yeroo kanaa hubachuun, waan yeroo kana hojjechuu qabnu beekuun barbaachisaa dha. Ani fakkeenya Maatewos 25:1-12 keessaa garaagarummaa durboota warra abshaalotaa fi warra gowwoota gidduu jiru hubachuun barbaada.
Karoora Waaqayyo yeroo kana naaf qabu caalaatti hubachuuf waan na gargaaru hundumaaf ani fedhii qaba, sababiin isaa wallaalummaa kootiin fayyinna dhabuu hin barbaadu. Gooftaan warra barbaadanii fi kadhatan hundaaf waan isaan beekuu qaban ni mul'isa.
Kitaaba "Barreeffama Jalqabaa" jedhu Ellen Waayit barreesite keessaa boqonnaan "Gingilfamuu" jedhu akka namni hundinuu dubbisu cimseen gorsa. Maal irratti xiyyeefachuu akka qabnu fi waan gingilfamuu fidu Gooftaan Waggoota 170 dura karaa ergamtuu kanaa raajii dubbatee ture. Boqonnaa kana irraa waraabbii kana nan caqasa:
"Waa’ee hiika gingilfamuu ani argeen gaafadhe, gochi kun kan dhufu gorsa dhuga baatuun inni amanamaan hafuuraan kakaafamee waldaa La’odiqeeyaaf dhugaa Ba’umsa amanamaa kennuu irraa kan dhufe akka ta’u natti agarsiifame. Warra isa fudhatan garaa isaanii tuquudhaan alaabaa dhugaa ol kaasuudhaan cimsanii akka labsaniif jajjabeessa. Dhuga ba’umsa amanamaa kana namni hundi hin labsu. Tokko tokko isa irratti ka’u, kunis saba Waaqayyoo gidduutti gingilfamuu fida.
walakkaan barbaachisummaan dhuga baatuu dhuga kanaa illee akka hin kennamneefan arge. Dhugaa ba’umsi qulqulla’aan inni hireen waldaa irratti hundaa’e kun akka ta’uu qabutti hin dinqisiifatamne, yeroo tokko tokko immoo guutummaatti tuffatama. Dhuga ba’umsi kun qalbii jijjiirannaa gad fagoo fiduu qaba; warri dhugaatti isa fudhatan hundinuu isaaf bitamu, ni qulqullaa’us.” _ {EW 270.3}
Ani duraan kitaaba kana yeroo baay'ee dubbiseen ture, garuu waan asitti qoodame hin argine. Ergaa Laa’odiiqeyaa qo'achuudhaan hirkatummaa maleen gara goolabbii walfakkaatuuttan dhufe, sana boodas waa'ee isaa dubbiseera.
Yaa michuu koo gaaffiin si gaafadha, "Barbaachisummaa ergaan Laa’odiiqeyaa siif qabu in hubattaa? Ergaan kun sitti dubbachuu isaa ni amantaa? Waan Dhugaa-baatuun Amanamaa fi Dhugaan si gorsu hunda qo'achuuf, hubachuu fi fudhachuuf fedhii qabdaa?" kanaaf deebii mataa keetii kenni, deebii kees hordofi.
Amma illee, ergaa kana gad fageenyaan ubbisee hiika isaa hubadhu illee, kana hubachuu yaaluun koo icciitiidhaan haguugamaadha. Kun qo'annaa fi yaada waggoota torba booda! Warri yeroo jalqabaaf isa banan maal hubatu ree? Garuu barbaadaa in argittuu, kadhadhaa isiniifis in kennamaa kan jedhu oduu gaariitu jira. Waaqayyo fayyina keenyaaf nu caalaa hawwii qaba, tokkoo tokkoo namas barbaaduu kan jalqabu isa. Nama isa filatee fi waan icciitiiin haguugame hubachuuf nama humna isaa hundumaan dhama’u kamiin illee qofaatti hin dhiisu.
Ergaan Laa’odiiqeyaa jaalala agaapee isa kan Waaqayyoo isa akka warqee ibiddaan quleefamee of keessaa qaba. Abboommii jaalalaa waliif qabnu eeguun immoo yeroo dhumaatiif karoora Waaqayyooti. Daldaltuu isa waaqa irraa biraa jechoota salphaa akkasiitu dubbatame, haa ta’u malee hiika gad fagoo akkasii of keessaa qaba!
Jaalalli Agape oomisha natti gurguramuuf dhiibamaa jiran tokko tokko utuu hin taane, garuu eebba Bara baraa, hafuura gammachuu, gammachuu yeroo hundumaa, michummaa, fi garaa koo keessatti argamuu Waaqayyootiin utuu wal irraa hin kutin yeroo hundumaa gammaduudha. Inni michuu ati baay’ee jaallatuudha. Inni gammachuu ganamaa fi galgalaati. Inni barabaraab kan kee waan ta’ee fi waan barabaraan inni siif kennuuf Waaqayyoon galata dhuma hin qabneen galateefachuudha.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti Yaadamuu qabu
1. Ef. 5:15-18; Mul. 3:14-22; Mat. 25:1-12; Luq. 11:9-10; Dan. 12:10; Is. 60:1-3; Rom. 12:1-3; Fil. 1:6; Am. 3:7 ifa boqonnaa kana keessatti dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Barbaachisummaa ergaa Laa’odiiqeyaa hubataniittuu, inni waa’ee maaliiti?
4. Yoo Waaqayyo walitti dhufeenya dhuunfaa naaf dhiyeesse, kana fudhachuu fi waan na irraa eegamuu fi akkamitti guddisuu akkan qabu hubachuun qabaa?
5. Hiriyoota ergaa Laa’odiiqeyaa waliin qo'achuu jalqabuu dandeessan qabduu?
6. Warri ergaa Dhugaa-baatuu kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine maal ta'u jettanii yaaddu?
7. Yoo ergaan Laa’odiiqeyaa naaf hin ifne ta’e isa qo'achuun qabaa? Yoo eeyyee jette, kaayyoo maaliif?
8. Ergaa kana keessatti injifattoota akkamiitu caqafame? Maal ykn eenyuun injifachuu qabu?
9. Yesuus ergaa kana keessatti maal nuuf kenna?
10. Qooda kennuu Gooftaan maaliif gurgura?