Waamamuu fi Fo‘amuu
Dubbisi
seenaan Musee waa'een saba isaatiif akkamitti Gooftaan ergaa addaa godhee akka isa filate Macaafa Qulqulluu keessa jira. Museen Waaqayyoon waamamee hojii irratti kaa'ame raawwachuuf filatame. Karaa nama kanaa seera isaa bareedaa, seera jireenya gammachuu fi qajeelaa, akkasumas murtee ogummaa kan dhimmoota jireenya fi hawaasaa karaa gaarii ta'een furmaata kennan Waaqayyo addunyaa hundumaaf kenne. Garuu Museen cubbuu irraa kan ka'e Kana'aan seenuu hin dandeenye, ergamni kun Iyassauu ilma Nuntti kename, innis seenaa saba isaa keessatti karoora Waaqayyoo hundumaa raawwate.
Iyassauu ilmi Nun maaliif Waaqayyoon akka filatame yaadaniittuu? filatamuu kana keessa laawodiqiyaaf bu’uura fo’amuun kun ittiin ta’u ilaalchisee barumsa barbaachisaatu jira. Israa'el yeroo Gibxi keessaa ba'an namoonni amanamoo fi dhugaa warri Waaqa hin mul'anne kabajanii fi dubbii ergamaa isaa hundumaa amanuudhaan ajajaman turaniru. Garuu dargaggeessi Iyassauu jedhamu tajaajila irratti bakka hojiin Waaqayyoo raawwatamutti fedhii addaa agarsiise.
Maqaan Iyassauu yeroo jalqabaa kan dubbatame yeroo Waaqayyo loltoota Amaaleeq balleessuuf erge ture (Ba'a.17:9-13). Iyassauu fi loltoonni isaa gaara irratti kadhachuudhaan hojii kana Musee deggeru turan.
Yeroo Musee gaaratti ol ba'uuf waamame, Iyassauun isa waliin deemee yeroo hundumaa bakka Gooftaan Musee waliin dubbatutti dhi’aatee dhaabbata ture (Ba'a.24:12-13). Yeroo seera maleessummaan mooraa keessatti raawwatame, Iyassauu ilmi Nun sagalee addaa dachaa keessaa dhaga'amu hin hubanne ture (Ba'a.32:17). Yeroo dhimmi gantootaa xumuramee cubbamoonni adabaman Ba'a.33:11 keessaa dubbifna: "Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasa'uutti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture; yommuu Museen iddoo buufataatti deebi'u Iyaasuu ilmi Nun dargaggeessichi isa gargaaru sun immoo balbala dunkaanichaatii hin mittiqu ture."
Iyassauun saba keessaa tokko qofa utuu hin taane, bakka Waaqayyo hojii isaa hojjechuu fi ulfina isaa mul'isuuf itti argamuu kan hawwu ture. Inni akka Museen waaqaan dibitame argee karaa hundumaan isa deggere.
Yeroo sabni gara Biyya abdiitti dhi’aate, gosa hundumaa irraa bakka buutonni qabeenya saba Waaqayyoo isa fuula duraa ilaaluuf waamaman Iyassauu ilmi Nun basaastota keessa seene. Iyassauun lafa isaa isa fuula duraa keessa Guyyaa 40 deemee, amantaa ijoolummaa waliin akkamitti dhiyootti inni fi sabni isaa qabeenya biyya kanaa waadaa Waaqayyootiin qabaachuu akka qaban yaade. Inni fi Kaaleeb humna Waaqayyoo irratti amantaa guddaa waan qabaniif, basaastoonni kaan saba hundumaa gammachuu dhabsisanii mooraa hundumaa gadda keessa yeroo galchan, isaan keessatti abdii isaanii hin raafamne ture (Lak.14:6-9).
Cubbuu warra amantii hin qabneen tajaajiltonni Waaqayyoon filatamaan in dhiphatan, waggaa 40 itti aanu waliin ta'uu fi lafa onaa keessa naanna'uu malee homaa isaaniif hin hafe.
Yeroo Museen gaggeessaa eenyu akka ta'u Waaqayyoon gaafate, Gooftaan maqaa Iyassauu ilma Nun waamee harka irra kaa'uudhaan Museetiin isa eebbise (Lak.27:15-23).
Yeroo Museen du’aaf gara gaaratti akka ol ba'uuf ajajame, Iyassauun ilmi Nun bakka bu'aa isaa ta'e. "Iyassauu ilmi Nun yeroo sanatti Museen harka isaa waan isa irra kaa’eef hafuurri ogummaa isa keessa guutee ture; Israa’eloonni isaaf dhaga’anii waan waaqayyo karaa Musee abboomee tures in godhan" (Kes. 34:9).
Seenaan kun hojii Waaqayyoo keessatti namoonni akka tasaatti qulqulluu fi beekamoo ta'an akka hin dandeenye nu barsiisa. Waaqayyo nama hundumaa waamee ofii isaa hundumaaf dhiyeessa, keessattuu warra maqaa isaa qabaniif. Garuu kan waamaman danuudha, kan fo’aman yertuu ta’uutti dhufa.
Fedhii namoonni muraasi hojii Waaqayyoo fi waan isa waliin walqabateef agarsiisan Samiidhaan yaadamee namoonni kun eebba addaa argatu. Isaan hawaasa biratti beekamuu dhabuu danda'u, keessummaa ykn makaraarsitoota jedhanii yaadamuu danda'u, garuu yaada namootaa biraa irratti xiyyeeffannoo hin kennaan, waan Waaqayyo irraa dhufu hundumaa fedhii dhugaa qabaatanii bakka hojiin Waaqayyoo hojjetamu hundumaa jiru.
Fakkeenya warra waamamanii fi filatamanii keessatti samiin attamitti garee kana lamaan akka ilaalu Gooftaan Yesuus kallattiidhaan hubachise.
Yeroo Laa’odiiqeyaa keessa saba isaatti dubbachuudhaan dhuga baatuun Amanamaan nama hundumaa gara qalbii jijjiirannaatti waama, garuu teessoo isaa warra filataman qofaaf waadaa seena, isaan injifatoota jedhee waama. Xumura kitaaba Mul.21:7 keessatti waamicha Gooftaan dhi’eesse hubachuu qabna: " Inni mo'u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta'a, innis ilma kaa in ta'a"
Ergaan Laa’odiiqeyaa addaa dha, sababiin isaa inni jecha xiqqaa qabaatullee hiika baay'ee kan namootaaf suuta suutaan fi tartiibaan mul'atu of keessaa qabu.
Yeroo tokkotti waan dhiyaate hundumaa qabaachuu hin danda'amu. Daldalaan Samii bittaa itti fufu isa waan isaaniif dhiyaatu beekanii fi waan bitan gatii kennaniif nu keessatti arguu barbaada.
Fedhiin koo gorsa fi kennaa Waaqayyoof sadarkaa addaa kenna, jabeenyaan walitti dhufeenya Kiristoos waliin qabaachuu koo immoo walitti dhufeenya gadi-fageenyaa guddisuu fi bakka warra tasuma fayyuu ykn wallaalummaa isaaniitiin waa argachuu yaadan hin seenne filachuu isaa mirga kenna.
Dhugaa barbaachisaa hubachuun barbaachisaa dha, yoo Waaqayyo karoora addaa yeroo dhumaatiif qabaate, karoora kana hordofuudhaan jiraachuun gaarii dha.
Ergaa dhuga baatuu amanamaa fudhachuun ykn dhiisuun saba waaqayyoo gidduutti gingilfamuu akka fiduu fi saba waaqayyoo warra amanamoo ergaa ergamaa isa sadaffaa isa Mul.14:9-12 keessaa ulfinaan labsuuf akka qopheessu waaqayyo karaa hafuura raajii ifa godheera.
Iyaasuu ilmi Nun Gooftaan gaarii akka ta’e mi’eefatee beekumsa kana keessa hanga isaaf hayyamamu gad qotee baruuf murteesse. Sabni hundumtuu garbuummaa Gibxi keessaa dinqii fi milikkitaan bilisa ba'uu isaaniif dhuga baatota turan. Utubaan duumessaa fi ibiddaa hundumatti mul'ate, garuu Iyaasuu qofaatu waan guddaa hawwe, Waaqayyoon ergaa addaa isa inni milkaa’insaan raawwatef isa filate.
Fedhii waan qulqulla’aa argisiisuu fi gochaa waaqayyoo kabajaan hubachuu irraa Israa’elota warra kaan eenyutu dhorke? Tarii yeroo Gooftaan warra dheebotanii fi gogaa ta’an irratti burqaa isaa banu fi hafuura isaatiin ulfeessuuf murteessu keessa wanti kana fakkaatu ta’uu danda’a.
Yeroo fi sa'aatii isa Abbaan aangoo isaatiin kaa'e beekuun hojii keenya miti, garuu waan nutti mul'ate irratti fedhii qabaachuu fi eebba Waaqayyoo kallattii irraa argachuu dandeeyna.
Yeroon nuti walitti dhufeenya Yesuus waliin ykn mana qulqulummaa Samii keessatti dabarsinu gonkumaa qisaasameera hin jedhamu.
Waaqayyo warra isa kabajan dhugumaan in kabaja. Warri Hafuura Qulqulluu hawwan namni tokko illee badhaasa malee hin hafu. Dhuga Baatuu amanamaa irraa bittaa kan itti fufu tokko illee dagatamee hin badu. Namoota filataman akkasii yoo xiqqaa ta'aniyyuu, kakuu galame akka argataniif hundumtuu Waaqayyoon in yaadatamu.
2sen. 20:20 dubbifna: "... Waaqayyoon gooftaa keessan amanadhaa in jabaattu, isa raajonni isaa dubbatanis amanaa yommus in mootu jedhee isaanitti in dubbate."
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. Ifa boqonnaa kanaa keessatti caqasootaa barnoota kanaaf dhiyaatan Mat.22:2-14; 24:22-24; 25:10; Luq.14:23-24; 18:7-8; 1Pet.2:9; Rom.8:28-34; Mar.13:26-27; Isa.65:9; Far.104:43; 105:4-5; Mul.17:14 dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Heertuu Macaafa Qulqulluu biraa kam yaadattan qabduu?
4. Yeroo keenya keessa warri waamaman eenyu?
5. Warri filataman eenyu? Warra waamamani fi filataman maaltu adda baasa?
6. Yesuus warri waamaman danuudha, warri fo’aman garuu yertuudha jedhee maaliif barsiise?
7. Fo’amuun Iyaasuu ilma Nun isiniif barnoota ta'eeraa? Lak.11:28.
8. Yeroo keenya keessatti akkamitti fakkeenya Iyaasuu ilma Nun hordofuu dandeenna?
9. Gooftaan namoota ergaa addaa irra kaa'uu barbaadu filachuu danda'aa? Hun.Erg.9:15-16.
10. Warri Waaqayyoon filataman ergaa isaanii raawwachuuf yeroo hundumaa qophaa'oodha?
11. Ani fayyinaaf ofii koo filachuu nan danda'aa? Yoo eeyyee ta'e, maali barbaachisa?
12. warri Fo’aman 144,000 keessa in seenuu?
13. Iyaasuu ilmi Nun hojii Musee hundumaa keessatti isa waliin yeroo jiru gara fuulduraa filatamuu isaa beekaa ture?
14. yeroon tajaajila koo raawwachaa jiruu, filatamaadha miti jedhee yaaduu qabaa?
15.warra fedhii dhugaa hojii Waaqayyootiif fedhii dhugaa qaban irratti waaqayyo xiyyeeffannoo in kennaa?