Jaalalli Badhadhaa Taasisa
Dubbisi
Barnoota kan hubachuun baay'ee barbaachisaa dha. Hamma barbaachisummaan isaa maal akka ta'e hubattanitti yoo danda'ame yeroo hedduu dubbisuudhaan keessa seenaa.
Gooftaan keenya, haala ijoollee isaatii isa dhugaa kan yeroo kanaa ibsuudhaan karaa ergaa Laa’odiiqeyaa waldaa isaatti dubbata. Laa’odiiqeyaa booda homtuu hin jiru. Yesuus haalan keessa jiru maqaadhaan waama. Ani bu’aa’aa ta'uu koo, ija isaatti maal akkan fakkaadhu yaada tokko akkan hin qabne beekuu isaa mirkaneessee dubbata. “Atis, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru' in jetta; ati nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu” Mul 3:17. Kanaaf akkasuma. Garuu dhugaa kana hubachuun qofti rakkoo haala bu’aa’ummaa kootii hin furu. Kun maal jechuudha? Ani sooress, Yesuus garuu hiyyeessa akkan ta'e dubbata. Inni hin dogoggoru.
Hafuurri Waaqayyoo gara waan Qaraaniyyoo irratti ta'etti na harkisa, ifa kana keessatti mataa koo ilaaleen cubbamaa guddaa Fayyisaa barbaaduu akkan ta’e natti mul'ata. Ani liqii guddaan qaba. Qalbii jijjiiradheen dhiifama argadha. Liqiin koo kaffalame, ani bilisa. Gooftaan, badhaadhummaa araara isaa fi jaalala anaaf qabuun yakka koo naaf kaffalee garbummaa cubbuu jalaa na baase. Ani dhuguma bilisa ba’eera.
Mee kana fakkeenyaan haa ibsinu. Fakkeenyaaf, jireenya koo keessatti tajaajila addunyaa kanaatiif kaffaluuf qarshiin liqeeffadha. Dhalaa fi liqii durii deebisuuf immoo dhala ol ka’aatiinan liqii haaraa guddaan jalatti fudhadha. Jalqaba waa’ee miliyoona xiqqoo dubbataa jirra yoo ta’e, waggaa waggaadhaan garuu dacha lama ta'aa deemee, dhumarratti biiliyoona tokkoo ol ta'e. Hojii gaarii tokko qabaadhee jireenya koo keessatti miliyoona tokko deebisuun yoo danda'ame illee, waa'ee liqii biiliyoonaa dubbachuun hin danda'amu. Sana booda namni baay’ee sooressi liqii koo kaffaluu danda'u akka jirun bara. Isa wajjin walbarree, innis jaalala isaatiin liqii koo hunda kaffala, ani illee warra ana irra liqeefataniif akkan dhiisuuf haala mijeessa. Anis ittan waligala. Liqiin koo akka kaffalame, homaa akka ana irra hin jirre, herrigin haftee liqii kootii argisiisu zeeroo akka ta’e baankii irraa beeksisi naaf dhufa. Gammachuu akkamiiti!! Ani Bilisa!! Dhiifama argadheera!! Liqiin koo kaffalameera! Amma bilisaan jiraachuu nan danda'a. Gammachuudhaan keessummaa waamee, nyaata ayyaanaa bituuf gara suuqii dhaqee kaffaltii irratti garuu maallaqan kaffalee ittiin bitu dhabuu koon bara. herrega koo Zeeroon waan ta’eef kaffaluuf gahaa hin taane. Baankiitti bilbilee liqii kuma tokko akka naaf kennan gaafadhe. Isaanis gammachuudhaan itti waligalan. Kuma tokko hojjechuu nan danda'a. Herregnis in kaffalame. Ayyaanneffannaanis in ta'e. Keessummaanis in deeme, ani immoo waa'ee hiriyaa koo isa haaraa, isa liqii guddaa akkasii naaf kaffale namoota hundaatti himuu deema.
Jireenyi ittuma fufe, bittaa haaraa fi tajaajila kaffaltii haaraa barbaachisutu jira. Ani akka sangaan hojii lama irratti hojjedha, kunis duroomuuf gahaa miti. Jireenya irraa waan hundumaa fudhachuun liqiidhaan jiraachuu fi akkan yaadeetti maallaqa balleessuun shaakale. Ammas gargaarsaafan gara hiriyaa kootti deebi’uu murteesse, innis liqii koo hunda akka kaffaluu fi na gargaaruuf maallaqa gahaa akka qabu naaf mirkaneesse. Kunis na tasgabbeesse, waa’ee maallaqaa utuun hin yaadinan gara fuulduraatti jiraachuu jalqabe. Dhadhaan nuugii isa keessa jiru yeroo gabaabaa qofa kan ga’u ta’uu isaa yoon arge illee ibsaan koo yeroo hundumaa in ifa. Ibsaa koo suphuuf eroo hundumaa liqeeffachuu na barbaachise. Haa ta’u malee kun yeroo hunda ana hin rakkifne, sababni isaa hiriyaa sooressa akkasii waanan qabuuf wanti ana yaaddessu hin jiru. Anis warra kaan caalaa ogeessan ta’e.Jireenyi koo beekumsa bu'aa qabeessa baay'eetiin guutame, muuxannoo adda addaan argadhe, eebba irraa hafaa qabaachuudhaan namoota biroo waliin yeroo wal bira qabee of ilaalu sooressa ta'ee mul'adhe. Bittaan haaraa kamiyyuu na hin yaaddessine. Nama liqii koo hunda kaffalu bareera, kanaafuu waa’ee michoo koo isa sooressa, isa Namoota hiyyeessa hundumaaf arjaa ta’e kana nama hundumaatti himaan ija jabinaan fuula durattan adeeme. Garuu qabeennya koo ilaaluudhaan hiyyeessa godhee of hin ilaallu. Manni bareedaan, konkolaataa haaraan, gaachanni amantii, kophee qophaa’ummaa. Meeshaaleen kun hundumtuu garaa koo gammachisua, ganama irraa kaasee hanga galgalaatti waan hundaaf hiriyaa koon galateeffadha.
Yeroo tokko tokko yoo hiriyaan koo naaf kaffaluu dhiisee, baankiinis liqii kennuu yoo didde ibsaa koo maaliinan sirreessa jedheen yaada. Yeroo sana bituu ykn gurguruu hin danda'u, ibsaan koo ni dhaama, manni koo guutummaatti dukkana keessa seena. Imseen itti yaade. Sodaachuun jalqabe. Namoota hin sooromin warra liqiin tokko illee irra hin jirre warra jireenya keessatti hiriyaa koo kan irratti amanta gatan yaadachuun jalqabe. Herregni isaanii hundi kaffalameera, liqiinis dhumeera. Garuu rakkoon dhufaa jiru na yaaddessa. Wantoonni akka duraa akka hin taane nan hubadha, wanti gara fuulduraa waan hin beekamne of keessaa qaba. Keessattuu, yeroo rakkootiif ibsaadhaaf kuufama dhadhaa nuugii akkan qabaadhuuf hiriyaa koo irraa akeekkachiisni dhufe. Kunis liqiidhaan hin argamu. Liqii malee jiraadhuuf, duroomees qarshii dhuunfaa akkan qabaadhuuf hiriyaan koo meeshaa gatii qabeessa tokko akkan isa irraa bitu na gaafate. Garuu carraa gadhee ta’ee, wanta inni gurguruu barbaaduu fi attamitti akkan kaffalu shallagee hubachuuf yeroo hin qabun ture. Hiriyaan koo yaada koo keessatti hanqinni guddaan akka jiru, jireenya koo keessaa waan tokko jijjiiruu akkan qabu natti mul'ise. Dabalataanis ani hojiitti ko’eessa ta’uu koo fi yeroo hundumaa isa seensisuu akka hin dandeenye utuu hin hubatin mana koo dhufee balbala rukuta. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko isaaf nan bana, irbaatas waliin nyaanna, akkamitti akkan dhuguma sooressa ta’uu danda'us natti hima. Barsiisaa fi gorsa isaatiin akkam na dadhabsiisee! Garuu isaan keessaa tokko tokko guutummaatti gadhee miti. Garuu isa ari'uu hin danda'u. Yoo natti aare hoo maaltu ta’a, ani karooraa guddaan qaba, waan baay'ee hojjechuun qabu, namni isa kaffalu tokko jiraachuu qaba. Wanti tokko na yaaddessa, yoon dureessa ta'ellee, herrega baankii koo keessatti lakkoofsi guddaan zeeroo dha.
Gara hiriyoota kootiin deeme. Isaan qabeenya isaanii keessa hirribba minyawwaa rafaa jiru. Garuu ibsaan baay'ee isaanii hin dhaamne, yeroo rakkootiif kuufama dhadhaa nuugii waan qaban fakkaatu. Hirriba xiqqoo yoon rafe ana hin miidhu jedheen yaade. Ammas balbala ciisichaa kootu rukutama. Ammas sooressa ta’uuf akkan waa bitadhu, akkan uffadhuu fi akkan arguufan gorfama. Eenyulleen akkasitti na arrabsee hin beeku! Amma yaaluun qaba ta'a? ani gorsitoota nan barbaada. Namoonni tokko tokko wanti sodaachisaan tokkollee hin jiru jedhu, kaan immoo akkasn gorsa hiriyaa dhaggeeffadhuuf na jajjabeessu. Garuu gatiin meeshaalee kanaa baay'ee ol'aanaa dha. Maaliif tola kennuu dhiisan? Garuu gara koo keessatti ergaan kun naaf barbaachisaa ta'uu isaa nan hubadha. Hiriyaan koo akkan baay'ee bu’aa’aa ta'e, haala kana keessaa ba'uu akkan qabu natti dubbata.
Hiriyoonni koo waa'ee warqee isa isaan sooromsee fi dhugaatti sooromuun hammama dinqisiisaa akka ta’e natti himu. Kun salphaa akka ta’een yaade. Liqiidhaan jiraachuun hin barbaachisu. Yeroo hundumaa tajaajila kamiifuu kaffaluuf waa jiraachuu qaba. Qabeenyi kunis hiriyaa liqii koo kaffalu biraa dhufa. Garuu qabeenya dhugaa fi uffata qulqulluu argachuun qormaata baay'ee of keessaa qaba. Addunyaa fi naannoon ani keessa jiraadhu na hubachuu hin danda'an. Amma illee anatti kolfu, yeroo kana immoo guutumatti na jibbu. Hiriyaan koo garuu dhadhaa nuugii akka qabaadhuuf na cinaa akka dhabbatu, akka na deeggaru naaf mirkaneessa. Sirriitti yaaduun qaba. Garuu waan tokko murteessuun qaba.
Addunyaan meeshaa fi tajaajila isaatiin nama hawwata, garuu anaaf orma ta'e. Ani amma kan biyya lafaa kana miti. Rakkoon dhiyaachaa jira, dhufuun isaa hin oolu. Yeroo rakkinaa kana dura du'uuf abdiin jira, yaaddoo guddaa qabaachuun hin barbaachisu. Yoon hin du'ine hoo? Waa’ee gara fuulduraa eenyutu natti mul'isa. Sana booda maal akkan godhu nan beeka. Kanaaf, sagalee hiriyaa koo fi waadaa isaa amanuu fi irratti hirkachuun qaba.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti Yaaduu
1. Ifa Mul. 3:14-22 keessaan barnoota kana irra deebi'aa dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Haala akkamii keessa jirtu?
4. Laa’odiiqeyaa keessaa ta'uu keessan amantuu? fakkeenya kana akkamitti hubattu?
5. Dubbiin Yesuus kallattiidhaan gara kootti, teessoo kootti ergamee?
6. Qabeenyi dhugaan maal?
7. Waa‘eekanaa maalan godha?