Siif Wanti Baayyee Barbaachisaan Maal?
Dubbisi
Yeroo dhiyoo kana wanti hidhii nama hundaa irra ture maal? Kovid 19 jedheen yaada.
Koronaavaayirasii. Kun maaliidha? Firdii Waaqayyooti? Bu'aa qulqullina dhabuuti? Meeshaa waraanaa biologiiti? Taphaa siyaasaati? Tilmaamuu qofa dandeenya, garuu eenyullee amma dhugaa guutuu nutti hin himu. Garuu dhukkubichi jira, hundumtuu waa'ee isaa qofa dubbatu. Kovid jireenya keenya waan hion eegamne, sodaachisaa fi barbaachisaa ta'ee dhufe.
Jalqaba namni tokkollee isaaf xiyyeeffannoo hin kennine, garuu miidiyaaleen hundi waa'ee Kovid ganama hanga galgalaatti ololaa kennu, haala ittii itti hammeessu. Mootummoonni biyyoota adda addaa daangaa cufuudhaan namoota ku’arantaa’inii keessa kaa'u. Eenyullee hin dheekamne, dhukkuba hin beekamne qofa sodaatu. Namoonni du'aa jiru, eenyullee kan itti aanu ta'uu hin fedhu.
Ani ogeessa fayyaa miti, siyaasa irraas fagoodha, garuu guyyoota kanaaf mul'ata fi ilaalchan qabuun qooda.
Wanti jalqabaa fi baay’ee barbaachisaan ani hubadhe wantoonni gurguddoon garaagaraa yeroo tokkotti onnee koo keessa waliin jiraachuu akka hin dandeenyedha. Yeroon Yesuusii wajjin walitti dhufeenya dhiyoo fi itti fufiinsa qabu qabaadhu, Inni guddaa ta'ee garaa koo keessatti nagaa kenna, dhimmoonni hafan hundumtuu immoo xiqqaa fi barbaachisummaa kan hin qabne ta'u. Garuu yeroon waan biyuya lafaa keessatti ta'aa jiru ilaaluudhaan guddaa fi barbaachisaa gochuu jalqabu, Yesuus xiqqaa fi fagoo ta'a. Yaadni fi gaaffiin adda addaa waan deebii hin qabne ta’aa dhufu. Hundumtuu dukkana fi iccitii ta'a. Maal gochuu wayya? Karaa ba’umsaa eessaa barbaaddu? Humna ofiitin hubachuu fi deebii barbaaduutu dhufa.
Deebiin jira! Boqonnaa kan jiru Waaqayyo keessa qofa. Yesuus yeroo dheeraan dura sagalee Mat 11:28-30 keessaa dubbifnu dubbate: "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.
Gooftaa qofatu lubbuudhaaf boqonnaa kenna. Garuu haal dureen tokko jira, innis - 'kotaa' kan jedhuudha. Warri dhufan ni boqotu.
Bara keenya keessa Faarfannaa 91:3-6 baay'ee barbaachisaa dha: ‘‘waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha; harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a. Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin innis akka waan yeroo keenya keessa barreeffameeti.
Garuu waadaan kun haala irratti kan hundaa’uu fi warra “Sababii inni na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba” (Lakk 14) ittiin jedhe qofa irratti akka raawwatamu hubannaa argachuuf furtuudha. Kun kan dubbatu waa’ee nama hundumaa utuu hin taane, warra duraan Waaqayyo beekanii fi jaalatan qofa.
Waaqayyo nu hunda akka jaalatu fi fayyisu hubachuun yaadaa gaariidha. Garuu Waaqayyoon akka Abbaa na jaalatu fi humna cubbuu irraa na fayyisu qabuutti dhuunfaan beekuun dhimma biraadha. Inni hundumaa gararraa jioru waan qabu hundumaa - Ilma Isaa kenne, Isatti amanuu fi kennaa kana fudhachuu keenya eega. Waaqayyo Kennaa kanaaf fedhii qabaachuu koo fi Ilma isaa beekuu fi fudhachuuf dheebuu qabaachuu koo arguu barbaada.
Ani immoo waadaa Waaqayyoo isa yeroo rakkoof akka qorichi naaf ta'u nan qabadha. Kana malees, yoo wal bira qabamee ilaalame, vaayirasiin haaraan kun cubbuu wajjin wal fakkaata. Bu’aan isaa wal fakkaata, garuu caalaatti ariifata. Vaayirasichi qaamatti seenee somba miidha, dandeetii dhukkuba of irraa eeguu balleessa, eenyummaaa in ajjeesa. Innis kan baay'ee daddarbuu dha. Cubbuunis akkasuma. Garaa keessa seenee sammuu miidha, fedhii balleessaa lubbuu fixaa. Innis baay'ee daddarbaa dha.
Vaayirasii kana of irraa loluun salphaa dha, sababiin isaa dhiibbaan isaa ariitiidhaan mul'ata fakkeenya ifa ta'e qaba. Garuu Cubbuun hoo? Yeroo hundaa adda baafachuun salphaa miti. Isaan Jireenya kee guutuu dhiphachuu dandeessa, cubbamaa Fayyisaa hin arganne ta'uu kee utuu hin hubatin duloomtee du’uu dandeessa. Maaliif? Ani nama irratti hamaa hin godhu.
Yoo waa’een cubbuun hundumtuu ifaa ta'e, rakkoo yeroo keenya keessaa utuu carraan jiruu furuun isaa barbaachisu tokko jira. Kunis haala bu’aa‘ummaa Laa’odiiqeyaati. Asitti gaaffii fi mormii baay'eetu ka'a. Deebiin Waaqayyoo garuu ijoolleen Waaqayyoo warri bu’aa’oon hundi ibsaa isaanii keessatti dhadhaa nuugii malee hafanii yeroo rakkinaa fi dhiphina keessatti badu. Yesuusis akka isaaniin hin beekne dubbata.
Eegumsi vaayirasiidhaa yeroodhaaf dhukkuba irraa bakka eeggumsa kenna, eegumsi cubbuu irraa immoo jireenya Waaqayyo wajjionii kenna. Isa hundumaa gararraa jiru beekuun immoo jireenya irraa hafaa hiika addaa qabu naaf kenna.
Haala koo isa dhugaa ilaalchisee Yesuus wallaalummaa keessatti na hin dhiisu, innis ijja Isaa duratti ani gadadamaa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa ta’uu koo ille akkan hin beeku dubbata. Innis Isa waliin daldaluu na gaafachuudhaan haala kana keessaa karaa ani ba’u natti agarsiisa.
Meeshaaleen Inni bitachuu na gorsu hundumtuu ijaan hin mul'atu, kanaafuu qabeenyaa samii naaf dhiyaate kana utuun hin hubatin, utuun hin dinqifati n dhiisee bira darbuun nan danda'a.
Jaalalli fi amantiin ana duroomsuu fi garaa koo gubaa gochuuf humna fi aangoo qabu. Garaan jaalalaa gonkumaa bu’aa‘aa hin ta'u. Namni yoo uffata adii qajeelummaa Kiristoosiin uffate qullummaa fi hanqina isaa uwwise inni gonkumaa hin qorru.
Akka amma waa'ee koronaa vaayirasii kaasnu kanatti bu’aa’aa akka hin taaneef warqee, uffata fi kuulii ijaa argachuuf yaadneera ta'ee, samii hundinuu sochoofna ture.
Utuun amma Yesuus balbala garaa koo dura dhaabbachuu isaa hubachuudhaan jireenya koo bakka hunda keessa seensiseera ta‘ee faayidaa hammamii qabaata ture! Ilma isaatti fedhii qabaachuu kootiin, michoommaa fi walitti dhiyeenya Isa waliin qabaachuun akkam Waaqayyoon gammachiisa ture!
Bu’aa’ummaa keessaa bahuun ulfaataa miti, garuu warra akkamitti fi maaliif akka ta'u hin hubanneef kun hin danda'amu. Akka tasaa ykn hiriyaa wajjin gubaa ta’uun kan hin danda’amne ta’uun isaa dhugaan yeroo keenyaati, ani bu’aa’aa akkan ta’e ifatti hubachuu, amanuun qaba, ergasii waan dhuga baatuub Amanamaa fi Dhugaan inni ala dhaabbatee waa’ee ofii isaatii dubbachuu hin barbaadne garuu ana keessa taa’uu barbaadu naaf dhiyeessu bitachuu qaba.
Kanaa wajji maal gochuun qaba?
Garaan jaalalaa yeroo hundaa ibidda qormaataa keessa jiraata. Yeroo lolli geggeefamu qabbannaa’uu hin danda'u, garuu sababa cubbuun baay’aateef jaalalli Namoota baay’ee in qabbanaa’a. Hojiin koo inni gubaan jaalala dhabuudhaan bu’aa’aa ta’a.
qabbanna’aan fedhii Fayyisaa fi meeshaa Isaa hubachuuf Waan hundumaa keessatti carraa guddaa qaba. Garuu kana hubachuun illee amala Waaqayyoo naaf hin kennu. Sammuuquu fi deemuu, fudhachuu fi bitachuu, argachuu, uffachuu, dibachuu fi banuu barbaachisa. Eenyu illee kana naaf hin raawwatu.
Tarii fedhiin laamsha’aa ta’uu danda’a. Tarii namni tokko tokko gara Yesuusitti geeffamuu qaba ta’a, tokko tokko immoo ofumaan dhufa, garuu namni tokko fayyina Waaqayyo kennu ofuma isaatii fudhachuu qaba. Ajaja Kiristoos "Ka'ii deemi" jedhuuf yoo fedhiin deebii hin kenninee fi qaamaaf ajaja hin laatne, Waaqayyo lubbuu sanaaf maal gochuu danda'a? itti gaddee caalaatti akka dhukkubsatu godhee dhiisuu qofaadha. Ijoolleen Waaqayyoo warri bu’aa’oon baay'een isaanii haala akkasii keessatti bara baraan hafanii akka dubbii Yesuusitti afaan Isaa keessaa tufamuun gadda guddaadha.
Yeroo Yesuus Mataa Isaatii fi jaalala Isaa isa guutuu kennu, kana tuffachuu akka nuyi hin qabnen yaada. Waan Inni gorsu fudhachuu fi bitachuu qabna. Garuu fedhii fi dheebuu yoon hin qabaanne, waan Waaqayyo naaf dhiyeessu tilmaamuu hin danda'u, bitees itti fayyadamuu hin danda'u. onnee koo keessa qorichi kun yoo hin jiranne nan bada.
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti Yaaduu
1. ifa boqonnaa kanaa keessatti Far 29:3; 90:1-16; 106:19-20; Mul 3:14-22; Efe 5:14; Hiz 36:23-27; 37:5-10; Isa 13:12; Mat 24:12-13; Isa 43:11-12; 52:10-12; 55:1; Ba'a 15:26; Luq 12:29-32; Yoh 5:8; Mat 12:15; 14:14; 15:30; Isa 6:10; 53:5 dubbisaa.
2. Kutaa kana irraa maal hubattan?
3. Fakkeenyi wantoota gurguddoo fi xixiqqoo garaa keessan keessaa isiniif ifeeraa?
4. Yesuus jireenya keessan keessatti hannan guddaadha?
5. Guyyoota qormaata dhufaniif gammachuu qabduu?
6. Yeroo jalqabu eeguu dhiisuu rakkoo dhumaatiif amma qophaa'uun maaliif barbaachisa,?
7. Ergaa Laa’odiiqeyaa keessaan maal akka kennamu yaadattaniittuu? Ana irraa maaltu eegama?
8. Maaliif dhadhaan nuugii qodaa ibsaa amantaa hundaaf kennamu dhiisee abshaalonni qofaan fudhatu?
9. Jireenyaa fi haala keessaniif dhadhaan nuugii maal akka ta'e hubattuu? Isa akka argattan mirkaneeffattaniittuu?
10. Ergaa Laa’odiiqeyaa, keessattuu lakkoofsa 18 irratti xiyyeeffattaniittuu? Fakkeenyonni kun isiniif galaniiruu?
11. Yesuus fakkeenya mana dhagaa fi cirrachaa irratti ijaaramee maaliif dubbatee?
12. Warqeen ibiddaan qulleeffame attamitti badhaadhaa na taasisa?
13. warri Waaqaa irraa meeshaa bitan akka isaan mo'atan chuu Gooftaan ni barsiisaa?
14. Qormaata dhufu dura dhaabbachuuf akkamitti qophaa'uun danda'ama?
15. Yeroo dhumaa akkamittiin yaaddu?