Jaalala Laa’odiiqeyaa
Dubbisi
Dhuga baatuun inni Amanamaan madda jaalala isaa fi bakka bu'aa Mootummaa waaqaa na gochuu barbaadee ofii isaa fi eebba Samii naaf dhiyeessaa. Yeroo tokko dubartii Samaariyaa wajjin haasaa godhe keessatti yaada kana akkasitti ibse. “bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe.” Yoh. 4:14
Kennuuf fudhachuu - kun qajeelfama eebba Waaqaa hundumaati. Ergaan Laa’odiiqeyaa tokkoo tokkoo keenyaaf ergame, kaayyoon isaas lubbuu koo waliin hojjechuu fi ana amansiisuuf yoo ta’e illee, wanti dhiyaatu hundumtuu dadsammuuqinaa fi haara’umsa dhuunfaa koof qofaaf utuu hin taane, olla koos akkan tajaajiluufi.
Waanan kennu qabaachuuf, jalqaba fudhachuun barbaachisadha. Yoon guyyaa guyyaan utuun walrraa hin kutin kennuu barbaade, hamma guutee irra dhangala’utti madda eebba Waaqayyoo yeroo hunda argachuun barbaachisaa dha. Mataa kootiin isa argachuu fi akka inni yaada koo eebbisuuf Waaqayyoon gaafachuu nan danda'a, karaa kanaanis humna samii naaf kenna. Garuu kana keessatti sodaan jiru hafuurri sirrii hin taane fedhii koo keessa guutuu danda'a kan jedhuudha.
Haa ta’u malee, karoora Waaqayyoo qoradhee akkamitti Gooftaan ana keessatti akka hojjetu, kennaa attamii akka inni naaf qabu hubachuu nan danda'a, ergasii fedhiin Waaqayyoo jireenya koo keessatti raawwachuu danda'a.
Dhuga baatuun amanamaan warqee ibiddaan qullaa'e akkan isa irraa bitadhuuf naaf dhiyeessuudhaan amantii fi jaalala isa ulaagaa Samii ta’e naaf kennuu barbaada. Eebba Samii isa gatii malee namaaf kennamu bitachuudhaan, kennaa Waaqaa isa guddaa fi hin argamne, jaalala-agaapee isa olla koof dabarsuuf yaadame qabeenya koon godhadha. Akkuma aduun ofii isaatiif hin ibsine, jaalallis kan inni naaf kennamu ofii kootiif jecha miti. Kun gochima jalqaba irraa kaasee namoota biraa sooromsuuf yaadameedha. Waaqayyo jaalala, garuu jaalalli kun yoo ana tuquu baate, akkasumas jireenya olla kootii keessatti yoo hin dhangalaane, kana jaalala jechuu hin dandeenyu. Yoon jaalala bitadhee garuu nama tokkoof hin qoodne ta‘e, bitachuu koo kana irraa faayidaan hin argamu.
Carraa gaarii ta‘ee, waan dhuga baatuun dhugaan naaf ergu hundumaa kennuufii kan dandeenyu addunyaa guddaa namoota jiraatootaan guutametu nu marsee jira. Hawaasni ani keessa jiraadhu akka fedha fooniitti jiraachuu naaf dhiyeessa, waa’ee biyya lafaa kana irratti mo’uu karoora waaqayyoos hin yaadu. Dandeettii amantii fi jaalala dhuunfaa koo isa rakkoo jalqabaa ykn yaada wal dhabuu jalqabaa bira ga'uuf ga’aa ta’etti dhimma ba’uudhaan dadhabbi koo fi humna dhabuu koo sababa godhadhee cubbamaadha jedhee warra kaanitti waa’ee koo himuu kootti diinni lubbuu in gammada.
Jecha "Jaalala" jedhu addunyaa kana keessatti waan inni hin taaneef ibsuuf dhimma itti ba‘ama. Namoonni xuraa’onni yaada Waaqayyoo gara hawwii isaanii isa gad aanaatti gad buusuuf yaaluudhaan waan jibbisiisaa illee jecha kanaan waamu. Garuu Waaqayyo miidhagina amala isaa fi ulfina isaa lafa irratti mul’isuu kan inni barbaadu karaa jaalala biyya lafaatiif qabuuti. Kanaaf inni ana fi sin filatee akka walii keenyaa jaallannuuf nu waama jira.
Uumama keenyaan jaalala haala irratti hin hundoofnee dhaabbataadhaan qabaachuu hin dandeenyu, Gooftaanis akka qoraattiin ija gaarii keenuuf irraa hin eegu. Garuu Waaqayyo namoota bara Laa’odiiqeyaa keessa jiraatanitti dubbachuu keessatti karoora baase qaba, isa keessattis fakkeenyotatti dhimma ba’ee ofii isaa nuuf dhi’eessuudhaan fedhii cimaa waa'ee keenyaaf qabu dhangalaasa. Waaqayyo ofii isaa Jaalala-Agaapee jedhee waamuuf murteesse, jaalala kana keessaan immoo kutaa sanyii namaa, kutaa koo ta'uuf murteesse. kanaaf inni na barbaada, deebii onnee kootii barbaada, sammuu kootiin hubachuu fi fedhiin koo itti walii galuu barbaada. Gooftaan hundumaa Danda'u daangefama akkasiitiin ana keessatti argama isaa daangesse. Hamma ani amantii koo agarsiisee garaa koo banutti, hamma akka inni ana keessa jiraatuuf gaafadhuttti, jireenya koo keessa seenee hin jijjiiru.
Gooftaan akkan bitadhuuf naaf dhi’eessuudhaan wanti hundumtuu faayidaa olla koof, waldaa koo fi warra akka koo isaa wajjin walitti dhufeenya daldalaa keessa seenan tajaajiluu akka qabu na barsiisa.
Yoon isa qoode malee Jaalala Waaqayyoo bitachuu qofaadhaan gargaaruu hin danda'u. karaa kana jalqaba yoon baay'ee hin milkoofne ta’e illee, yeroo baay'ee dogoggora godhee yoon kufe]e illee, garuu Gooftaan warra jaalala keessatti jabaachuutti, gadi-fageenyaan isaa keessatti guddachuu fi ol isa barbaaduutti yeroo hundaa na geessan gara kootti erguudhaan gara dhugaa hundumaatti na geessa na barsiisas,.
Nuti warri daldala Samii keessa seenne, walii keenyaa jaallachuutti waamamne, waaqayyo immoo humna nu keessaan hojjetu karaa jaalala kanaa nuuf kenna.
Walii keenyaa jaallachuudhaan, miira lubbuu keenyaa isa gara laafessaa fi miidhagaa kennuu fi guddifachuudhaan, qajeelfama jireenya isa jabaa irratti hojjechuudhaan, utuu wal irraa hin kutin Waaqa irratti hirkachuu baruudhaan qajeelfamoota Jireenya Barabaraa barra.
Gooftaan gara galaana Agaapee isa daangaa hin qabnee, isa ani keessa darbuu qabuu fi karoora Waaqayyoo waldaa isaa yeroo dhumaatiif qabu amantiidhaan hubadhutti na geessa.
Anii fi michoonni koo Walii keenyaa jaallachuudhaan walitti dhufeenya keenya keessatti wantoota gaarii yaada fi miira amala keenya ijaaran baay'ee baranna. Jaalalli nu gidduutti akkamitti akka hojjetu beekuudhaan, agaapee keessatti jabaachaa beekumsa kana namoota biraa wajjin milkaa'insaan qooddanna.
Ija Hafuura Qulqulluu walitti dhufeenya keenya keessatti argamu irraa Walii keenyaa jaallachuu fi dhiisuun keenya salphaadhaatti tilmaamamuu danda‘a. Kana sobuun hin danda'amu. Inni in jiraata ykn hin jiraatu.
Ergaan Laa’odiiqeyaa amantii fi jaalala keessatti, qajeelummaa fi ogummaa keessatti kan mo’eakka taanuuf nu waama. Kunis jireenya warra "Eeyyee" jedhanii tarkaanfii amantii fudhatan, warra walitti dhufeenya daldalaa Kiristoos wajjinii keessa seenuu barbaadan keessatti qofa raawwatama.
Meeshaaleen Waaqayyoo kun hundumtuu jumilaadhaan malee walittii adda ba’anii tokko tokkoon bitamuu hin danda'an., qajeelummaan Kiristoos naaf kennamnaan jaalalaa argadheen gara biyya lafaatti geessa. Ogummaa Samii kanan argadhus Kennaa kanatti dhimma ba’uudhaani. Kun akkamitti danda‘ama?
Waaqni inni hin mul'anne hiriyoota, olloota, diinoota koo jaallachuu keessaan mul'ata. Kun immoo kan koo miti. Ani kana guutummaa mataa kootii, yeroo koo isa gaarii fi cubbuu koo gurgureen Kiristoos irraa bitad ha.
Waaqayyo kennaa jaalala ani hiriyootaaf kennuu keessaan hojjeta akkasumas iccitii hariiroo barabaraa isa Jireenya barabaraa of keessaa qabu natti mul'isa. Beekumsa fi muuxannoo akkasii qabaachuudhaan, yaada koo hundumaa Kiristoosiif abboomamuuf bitamsiisuu nan danda'a.
Akka karoora Waaqayyootti jaalalli lola isa dhumaa gaarii fi hamaa gidduutti ta’u keessatti meeshaa waraanaa ittiin injifataniidha. Hiikkaa lola isa dhumaa Kiristoos fi Seexana gidduutti ta’u yoon hubachuu baadhe, lolee mo'achuu hin danda'u. Hiika waan bitamuu kanaa hin argine yoon ta’e Waaqayyo waan ani qabaachuuf hin karoorfanne naaf hin kennu. Garuu jaalalli-agaapee inni kan Waaqayyoo ana keessa jiraachuu fi Kiristoosii wajjin tokko ta‘uun koo injifannoo koof murteessaadha. Gooftaan kana ofuma isaatii yaadee ergaa waldaa yeroo dhumaa keessatti karoora isaa ibse.
Waaqayyotti amanuu fi jireenya keenya isaaf kennuun, isa irraa akka bitannuuf waan inni na gorsu fudhachuun amantii isa dhaggeeffachuu irraa dhufu, isa dubbii Waaqayyoo irraa dhufu barbaada. Waaqayyo yeroo dheeraa hammamiitiif saba isaatti dubbachuu qaba? Sabni isaa hamma yoomiitti waan barbaachisaa fi akeekkachiisa sodaachisaa irratti xiyyeeffannoo hin kennanii? Hamma yoomiitti akka durboota gowwootaa gorsaa isaa fudhannee homaa tokko utuu hin hojjetin hojii Kiristoosiin teenyee ilaallaa?
Jaalalli nu keessaan addunyaa hundumaatti beekamuu barbaada. Yoo addunyaan nu hin fudhanne, walii keenyaa jaallachuu keenyaa fi bartoota Isa Jaalala ta'e sanaa ta'uu keenya ni arga. Kana amantuu?
Gaaffilee Boqonnaa Kana Irratti itti Yaadamu
1. ifa boqonnaa kana keessatti Gal.5:6,22-23; Mul.3:18; Isa.55:1-3; Fak.23:23; Yoh.4:10-14; 13:34-35; Fil.2:13; 1Pet.1:22; Rom.10:17; 1Yoh.4:7-8,12-13 dubbisaa.
2. Boqonnaa kana irraa maal hubattan?
3. Lakkofsa Macaafa Qulqulluu kan biraa kamiin yaadattan?
4. Agaapeen maal?
5. Yeroo dhumaatti jaalalli gahee akkamii taphachuu akka danda’u hubattaniittuu?
6. Waaqayyo maaliif warra isaaf fo’amaniif meeshaalee maqaa addaa qabaniin kennuu murteesse?
7. Jaalalli amala kootiif maal godha?
8. Gooftaan chaappaa isaa garaa jaalatu irra kaa'aa?
9. Ergaa xiqqaa kana yeroo dheeraa qorachuun isin gammachiisaa?
10. Warra karoora Waaqayyoo dhiisanii yaada isaanii akka kan Waaqayyootti fuulduratti dhiiban irratti maaltu ta'a?
11. Ergaan dhuga baatuu Amanamaa yeroo hammamiif itti fufee dhaga‘amuu qaba?
12. Warra akka gorsa Kiristoositti homaa hin bitanne irratti maaltu ta'a?
13. Waan dhiyaate biyachuuf gaafadhe garuu jireenya koo keessatti homtuu hin taane yoo ta’e maal gochuun qaba?
14. Fakkeenyi warqee ibiddaan qullaa'e maal agarsiisa? Deebii keessan eessaa argattu?
15. Warra ergaa isaaf fedhii qaban Gooftaan hubachuu keessatti in gargaaraa?